Galma dhuga

Galma dhuga followed by galma dhuga

17/01/2021

h

27/11/2020

Kan nu barbaachisu.........
=====================
Sabni Hidhannoo hin qabne, haqa qabaatullee, kabajaa hin qabu

Biyyi feete Diimokiraasii waltaawaafi beekamtii qabuun kan hoogganamtu taatus sabni akka sabaatti humna waraanaa fi meeshaa lolaa hin qabne, kabajamuus tahe dantaa sabummaa isaa eeggachuu hin danda'u.

Biyya tokko biyya kan taasisu, ulaagaa 4 akka tahe beekamadha, isaanis
1) Uummata /saba qabaachuu
2/ Mootummaa mataa isaatii qabaachuu
3) Daangaa beekamaafi kabajamaa qabaachuu,
4) Humna waraanaafi meeshaa lolaa gahaa qabaachuudha. Kanaaf Uummatni Oromoo akka sabaatti kabajamee mirga abbaa biyyummaa isaatii kabachiifatee jiraachuuf ijaarsa Jaarmiyaa waraanaa fi meeshaa lolaa qabaachuun sabummaa fi mirga abba biyyummaasaa kan gita bittaa alagaatiif kolonii itoophiyummaan jalaa sarbame deebifatee qeheetti ol akeekuun filannoo utuu hin taane dirqama.

Oromoon akka sabaatti kolonii itoophiyummaafi Empayera Olaantummaa saba habashaatiin hoogganamu jalaa bilisa of baasuun bilisummaa oromootiif walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu kan amanaamu yoo tahe kabajaafi dantaa isaa kan tahe gurmuu Waraana bilisummaa Oromoo ( WBO ) ijaaruu, tumsuu,deeggaruuf gara xurree bilisummaatti akeeksisuun fala filannoo hin qabneedha.
Walumaa galatti Uummatni Oromoo impaayera itoophiyaa afaan qawwee irraa ijaaramteef hooggansa siyaasaa humna qawweetti ammanu jalatti taliigamaa waan jiruuf, impaayera afaan meeshaa waraanaatiin ijaaramte immoo humna waraanatu diiga waan taheef qabsoo hidhannootti amanuun bilisummaa isaa lola qawweetiin mirkaneeffachuu qaba.

Sabni Waraana mataa isaatiif Meeshaa lolaa hin qabne, haqa qabaatus ,kabaja hin qabu. Qawweedhan Gabroomne, Qawweedhan Bilisoomnee walaboomna!!

Kan oromoofi oromummaa irraa Imimmaan haquu dandaa'u WBO dha! WBO jalatti ijaaramii waraana kee Jabeeffadhu!

26/11/2020

Humni Addaa Oromiyaa Jedhamu Yakka Waraanaa Ilmaan Oromoo Buunnoo Beddeelleetti Raawwachaa Jiraachuun Gabaafame!

Sadaasa 20, 2020 Godiina buunnoo beddeellee Aanaa borachaa ganda Buukkoo Qarqara Laga Dhiidheessaattii humni shiftaa kolonel abiy humna addaa jedhee of-waamu WBO qallaabdu jechuun jiraattoota ganda Bukkoo irraattii gochaa gara jabiinaa rawwaataniin namoota nagaa 5 battaalattii ajjeesanii renfa isaanii bakkeettii darbanii jirachuun gabaafame.

Namooti Ajjeefaman keessaa:
1 ) Aliyyii Jamal Suleeman - qotee bulaa
2) Mamad Shamsuddiin - barata12
3) Kadir ibiraahim - erga qabanii dararaa bulaanii qaama isaa irraa mumuraanii nyaachiisani
ganama gaafa 21 hajjeesanii darban
4) Mamad Abdallaa - abbaa ilmaan 5 erga ajjeesanii booda manaa fi qabeenya isaanii guutu gubaanii deeman.

Dabalataan ganduma kana keessattii manaafii qabeenya namoota 4 gubaanii jiruu namoonnii mannii isaanii jalaa gubate:
1) Sulxaan Jamaal
2) Dubartii Abbaa Warraa hin qabne addee Qamaraa Amiin
3) Mamad Abdaallaa
4) Kadiir Abdallaa kan jedhaman dha.
Akkasumas anaadhuma Boorachaa keessattii kan argamu ganduma Qarqara Laga Dhidheessattii argamtu ganda Balakkaa kessattii mannii jiraattoota Oromoo 2 gubaatee jira.

Isaanis:
1) Abduraaman
2) Huseen Abrashaa dha.
Hala kanaan jiraattoonnii hedduun halaa hamaa fi rakkoo jabaa keessa seenanii jiru maatiin guutuun faca’anii bakkee bulaa jiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Hubannoof: Miidiyaaleen Addunyaa, falmitoonni mirga namoomaa fi Xiinxaltoonni gaanfa Afrikaa waa'ee eenyummaa Abiyyi Ahe...
16/11/2020

Hubannoof: Miidiyaaleen Addunyaa, falmitoonni mirga namoomaa fi Xiinxaltoonni gaanfa Afrikaa waa'ee eenyummaa Abiyyi Ahemad gaafa ibsan, dubbii dogoggoraaf laaqaa siyaasaaf inni tolfate irra adeemuu hinqaban

Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Sadaasa 16,2020

Lola TPLF fi PP gidduutti adeemaa jiru akka addunyaatti miidiyaan hordofamaa jira. Xiinxalli garaagaraas laatamaa jira. Miidiyaaleen gurguddaan addunyaa, Xiinxantoonni siyaasaa fi falmitoonni mirga namoomaa gaanfa Afrikaa hedduun dhimma kana xiyyeeffannoon hordofaa jiru. Odeeffataas oolanii bulu.

Qaamoleen kunneen dhimmichi waan isaan ilaallatuuf dhimma isaanii taasifatanii ooltee guyyaaf bultii halkanii impaayera Xoophiyaa keessaa hordofu. Miidiyaalee addunyaafis yaada kennaa oolu.

Yaada damee miidiyaalee addunyaa gaanfa Afrikaa Impaayera Xoophiyaa keessaa, damee falmitoota mirga namoomaa gaanfa Afrikaa, fi Xiinxaltoota Gaanfa Afrikaa kanaa haga ta'e iyyaafataaf caqasaan oola.

Marti isaanii eenyummaa Abiyyi Ahemad yoggaa ibsan dogoggora guddaan kan guutamedha. Dogoggora qofa utuu hintaane badii fi qisaasama Abiyyi taasisaa jiru gara saba Oromootti waan akeekuuf adeemudha. Uummati keenya kana dura dhabbachuu qaba. Wiirtuun dubbiikoo "Abiyyi Ahemad saba bal'aa Xoophiyaa keessa jiraatu Oromoo keessaa bahee filamee bulchaa jira" jedhu.

Alekis Di Waal Muummee Seeraafi Dippilomaasii Yunivarsiitii Taftis ('Tusfts') US argamutti Daarektara Oolaanaa Faawundeeshinii Nagaa Addunyaati. Waa'ee lola TPLF fi PP gidduutti yaada Xiinxalaa inni barreesse keessatti, eenyummaan Abiyyi sabaan Oromoo akka ta'e akeeka.

Isa malees miidiyaaleen kanneen akka Routers, Aljeziraa, BBC, CNN fi miidiyaalee hedduun Abiyyi Ahemad qabsoo Oromootiin saba Oromoo keessaa bahee Muummee Ministeeraa ta'e yaada jedhu laatu.

Yaada kana har'a akka salphaatti ilaaluu hinqabu Oromoon. Dubbiin Abiyyi Ahemad laaqaa jiru, badii fi qisaasama mirga namoomaaf dimokiraasii irra geessisaa jiru ija sabummaa Oromoon ilaalamuun matumaa hinbarbaachisu. Oromoon akka saboota biraa irratti yakka raawwatuutti addunyaatti fudhatamaa jira. Kanaafuu Abiyyi Ahemad maqaadhaan Oromoo himataa ture malee, aantummaas ta'ee amalaaf eenyummaa Oromoo nama hinqabnee fi Oromoo akka hintaane addunyaatti lallabannee himuu barbaachisa.

Abiyyi Ahemad Oromoo keessaa bahe jechuun gaafa gabaasi tokko miidiyaa addunyaaf gabaafamu, badiin Abiyyi geessisaa jiru gara Oromootti harkifamaa akka jiru hubachuu barbaachisa.

Waan ta'eef miidiyaalee fi qaamolee dhimma gaanfa Afrikaa irratti hojjetan dhimma kana amansiisuu fi hubachiisuuf miidiyaaleen Oromoo fi hayyooti Oromoo dirqama keessan akka bahattanin jedha.

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Sadaasa 16,2020

godhaa wal qaqqabsiisaa!

Waa'ee mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa (MCBO) ABO'n labsamee KFO dabalatee Oromoon marti ofitti fudhatee jiruu! ...
16/11/2020

Waa'ee mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa (MCBO) ABO'n labsamee KFO dabalatee Oromoon marti ofitti fudhatee jiruu! Maal beekna? Maal irra gaheera? Maaf barbaachisa? Mootummooti addunyaa dhimma kana ilaalchisee maal jedhan?

Hubannaa gahaa akka argattaniif barruu qophaa'e har'a haareffamee maxxanfame kana dubbisaa!πŸ‘‡
==============
Mootummaa Ce'umsa Biyyoolessaa Oromiyaa ilaalchisee; Furtuun nagaa uummata qabsaa'ota isaa dhaga'u harka jira!

Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Sadaasa 9,2020

Dhimma Mootummaa ce'umsaa biyyoolessa Oromiyaa irratti gaaffilee ka'aa jiraniif deebii laatamuu yaale.

1. MCBO (Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa) hundeessuun maaliif barbaachise? Akkamitti hundaa'a?

2. MCBO yoom hundaa'aa?

3. MCBO Hundaa'uuf; deggarsa akkami Oromoo irraa, hogganaaf Qondaala ABO/KFO ykn hoggana paartilee mormituu Oromoo irraa, Miseensa ABO irraa, Deggaraa ABO irraa maal barbaachisa? Guutummaan Oromoon akkamiin utubata?

4. Amma tarmii (step) deemuu qabu deemeeraa?

5. Hundaa'uuf abdiin kenname jiraa? Biyyoota alaa irraa yaadni tti laatameeraa?

Qabxiilee ykn gaaffilee shanan kana deebisuufan yaala. Hanga dhumaatti obsaan dubbisaa.

1. MCBO (Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa) hundeessuun maaliif barbaachise? Akkamitti hundaa'a?

Nama ajjeesuun seeraaf heera biyyattiin dhorkaadha. Nama ajjeesuu kan dhorkame guutummaa lammiilee biyyattii Impaayera Xoophiyaati. Kun waraana sirna EPRDF durii PP har'aa dabalatee jechaadha. Qaamni uummata nagaa, sanuu qe'eef araddaa isaa irratti itti dhukaasee ajjeesuun biyya seeraaf Heerri dagaage keessatti yakka guddaaf olaanaa nama adabsiisudha.

Har'a garuu; Impaayera Xoophiyaa keessatti qaamolee paartii Badhaadhina PP tumsan nama yoo ajjeesan, qaama PP mormu adamsanii akka fedhan yoo godhan, yoo mana uummata Sivili guban, yoo uummata meesha maleeyyii mana keessa guban seerri akka isaaniif ayyamutti fudhatamee jira. Kana irrayyuu darbee ilmaan Oromoof saba keenya Oromoo ajjeesuun seeraa PP'n waan ayyamame fakkaata. Kana kan jennuuf yakkoonni ciigasiisaan uummata Oromoo meesha maleeyyii irratti humnoota paartii Badhaadhinaa (EPP) ofiin jedhaniin yoggaa raawwatu miidiyaaleen Impaayera Biyyattii keessaas ta'ee qaamoleen seeraaf dhaabbataniif dhimmi mirga dhala namaa kabachiisuu dirqamni itti laatame callisuu yoggaa filatan keessa jirra. Faallaa kanaa Asoosama kijibaan gaafa EPP'n ebelu ebelu ajjeese jedhee miidiyaatti baasu ammoo wal harkaa fuudhanii afarsuu, wal harkatti maqaaf lakkoofsa taatoo Asoosama sana keessatti ajjeefamee utuu wal harkatti harkisanii gaafi kukkutanii, gaafii yaasanii lakkoofsa wal dhahaa kijibaan biyya fudhachiisu.

Haala kana keessatti uummatni keenya gamtoomee, wal ta'ee humma hidhatee isa waraanaa jiru, kan aangoon biyya bulchuu Heeraaf Seera biyyattiin irraa fuudhame lagachuun mootummaa nageenya isaa eegsisu dhaabbachuun dirqama Oromoo ta'ee argame. Hanga mootummaa mataa ofii dhaabbatanitti yeroo Ce'umsaa fudhatee uummati keenya Ce'umsa nageenya isaa mirkaneessuun ba'ee galuu fi bobba'ee nageenyi isaa mirkanaa'uu akka qabu yaadame.

Qaamoleen maqaa Mootummaa ofiin jedhuun biyya humnaan bulchinaan daguuggaa sanyii Oromoof saboota Cunqurfamoo Impaayera biyyattii irratti raawwataa jiran adaba seeraa akka godhataniif Mootummaa Ce'umsa Biyyooleessaa Hundeessuun barbaachise. Walabummaa paartilee siyaasaa fi walabummaa miidiyaa mirkaneessinee biyyattii keessatti dimokiraasii utubaa sibiilaa taasifnee dhaabuuf MCBO barbaachise. Qaamni aangoo siyaasaa tohatee jiru waraana biyyattii kan dhuunfaa isaa taasisee mormitoota isa afoo dhaabbatan kaan ajjeesee kaan hidhuun yakka gurguddaa raawwataa waan jiruuf waraana uummataa daangaa biyyaa tiksuu barsiisuuf hundeessuun qaamolee yakka akkanaa raawwatan seeraan barnoota laachuufiin waan feesiseef MCBO labsame.

Uummati keenya qaama Heeraaf Seera biyyattii irra ejjetee itti dhufe fudhachuu diduun, qaama seeraaf heera malee itti dhufeef abboomamuu diduun seera cabe bakkatti deebisuu waan ta'eef, mirga uumamaaf diimookiraasiin qabu kan murna EPP tiin dhabe deebifachuuf kadhaa tokko malee wal ta'ee labsii MCBO kana cina dhaabbatee labsii guyyaa guyyaan kennamu hordofuun milka'ina isaaf of kenniinsa guddaan qabsaa'uu qaba.

Mootummaa Ce'umsa Biyyooleessa Oromiyaa yakkoota waraanaan adeemaa jiranitti daangaa gochuun, seeraaf heeraan buluutti biyyattii kan geessu ta'uu amannee fudhachuun barbaachisaadha.

MCBO akkamiin hundaa'a?

MCBO Oromiyaa qooda fudhatiinsa qaamolee hawwaasaa maraan hundaa'a. Lammiileen Oromiyaa marti kan keessatti qooda fudhatan, Ce'umsa nageenya du'ee jiru kanatti lubbuu horutu hundeeffama. Kunis hanga Mootummaa Dimokiraataawaa ijaarrachuudhaan, uummati mootummaa mataa isaa hanga filatutti nageenya Amansiisaa biyyattii mootummaa deebisudha. Mootummaa Ce'umsa Biyyoolesssaan booda paartilee siyaasaa Oromoon filateen Oromiyaan bulti.

Uummati keenya akkamitti mootummaa Ce'umsaa raggaasifanna kan jedhuuf nagaa saba bal'aaf saba tokkoome harka jira. Kun ammoo qabsaa'ota haqaa isaa dhaggeeffatee, waan nagaa isaa bakkatti deebisu akka hojiirra oolchuuf labsii labsamu hojiirra oolchuudhaan mirkanaa'a.

Ummatni qaamota hawaasaa hunda kan hirmaachiseen ammaan booda sirni kun nu gaha jedhee sagalee tokkoon yoo fincile Mootummaa gadaa isaa fixate uummatni aangoo seerri kennuufitti dhimma bahee buqqaasee mootummaa sirnaa nii dhaabbata.

Seerri aangoon kan uummataati jedha. Kun ammoo yoo uummatichi itti fayyadame, waan seerriif heerri jedhuun uummatni waloon yoo deeme dhugooma. Uummatni keenya biyyattii kana keessatti aangoon kan uummataa ta'uu mirkaneessuun ammaaf amma ta'uun eeraaf.

2. MCBO yoom hundaa'aa?

Gaafa ummatni Oromoo qabsoo isaan gubbaa irraa hanga gaditti dirqama Mootummaa gadaa isaa fixate irraa ajaja fudhachuu didee kan isaaf tahu of keessaa filee bakka buufate wal gaggeesse, bulchiinsa uummataa gaafa gadi dhaabbate, gaafa sana hundaaya malee guyyaa kana kan jedhu hin jiru.

Kun ta'uuf ammoo uummati dantaa Murni EPP irraa barbaaduuf irraa fayyadamu guutuufii diduu qaba. Kana yoggaa jennu, mootummaa seeraawaa ofii filate waan hintaaneef, sanuu mootummaa nageenya isaa eegaafii hinjirre daranuu nageenya Oromiyaa goolessee jiruuf, kan uummata "irraan dhaladhe!" Jedhuuf uummata nan bulcha jedhu qaama daguugee ajjeesuutti fuulleeffateef, mootummaa tajaajila hawwaasaa eegee guutaa hinjirreef boorsaa isaa keessaa baasee, sabbata isaattii hiikee Gibiraa fi Qaraxa, Baatii fi baasii mootummaa garaagaraa kaffaluu dhaabuu gaafa danda'edha. Meeshaalee mootummaan uummatatti daldalus irraa bituu gaafa dhaabe dhugooma.

Gibirri kan gabbaramu mootummaa ofii filataniif, nageenya sabichaa akka ittiin eegsisuuf, tajaajila hawwaasaa Ibsaa, Daandii, Tajaajila fayyaa gahaa, Bishaan dhugaatiif waan dinagdee hawaasaa cimsu akka ittiin dalaguuf uummatni Gibira mootummaaf gabbara.

Waggaa 2 as garuu; qaamoleen EPP uummata ajjeesuuf hiraarsuun ala tajaajila uummatichaaf guutan tokkollee hinqaban. Tajaajila hawwaasaa guutuun hafee Gibira saba keenya irraa sassaabanii maallaquma uummati keenya kennuufin meeshaa waraanaa bitanii waraana dhaabbii waggaa 2 oliif deemaa jiru Oromiyaatti bananii jiru.

Gibirri kan gabbaramu yoo mootummaa isaa ta'e, mootummaa nageenya isaa ciminaan tiksuuf mootummaa sabichaaf mararfannoo qabu ta'e kan hojiirra ooludha.

Sabni keenya Oromoo fi lammiileen Oromiyaa tajaajila EPP uummata irraa eegu guutummaan diduuf mirga guutuu qabu. Kunis 1ffaa mootummichi mootummaa seeraaf heera biyyattiin kufe waan ta'eef, 2ffaa mootummaa bakka inni qotatutti, bakka inni daldalatutti, bakka inni hojii isaa dalagutti qaama itti dhukaasaa jirutu ani mootummaadha ofiin jedhaa jira waan ta'eef uummatni keenya Gibira gabbaruu diduuf mirga guutuu itti qaba.

Ajajamuufii diduu:

Qaamota irreef humnaan itti dhufaa jiran kanaaf Oromiyaa guutuun ajajamuufii diduun akka Mootummaa Ce'umsa Biyyoolessa Oromiyaa gadi dhaabbatuuf aanjaa uuma. Kunis mootummicha guutummaan lagatanii gaggeessaa bilchina qabu kan nageenya isaa mirkaneessuuf humnaaf beekumsa itti qabu of keessaa filanii Ce'umsa kanaan akka inni isaan gaggeessu taasisuudhaan dhugooma.

Qaamolee uummata ajjeesaniif ajajamuu diduun sirna. Yakkamaa seera cabsee, heera dabsee uummatatti dhufe diduun seera kabajuu ta'uu Oromoof lammiileen Oromiyaa beekuun barbaachisaadha. Kanaafuu Walga'ii inni waamu, leenjii siyaasaa inni kennuuf maqaa garaagaraan sobee sossobee saba waamu lagachuudhaan mirkanaa'a.

3. MCBO Hundaa'uuf; deggarsa akkami Oromoo irraa, hogganaaf Qondaala ABO/KFO ykn hoggana paartilee mormituu Oromoo irraa, Miseensa ABO irraa, Deggaraa ABO irraa maal barbaachisa? Guutummaan Oromoon akkamiin utubata?

Mootummaa Ce'umsa Biyyoolessa Oromiyaa waanuman qabxii 2 keessatti xuqe Oromoo irraa barbaada. Waan qaama ani mootummaadha ofiin jedhu kana fayyadu lagachuudhaan bira dhaabbachuu.

Hojjetaan mootummaa:

Hojjetaan mootummaa daddaffiin gara uummata isaatti madaquu barbaachisa. Keessattuu humnoota waraanaa ilmaan Oromoo keessaa leenji'anii bahan ilmaan abbaa isaanii ajjeesuu irraa of qoqqobuu cinatti, EPP kufee batattisaa jiru ka lubbuun keessaa bahaa jiruuf wabii ta'uu dhaabuu qabu. Yoo kan nii tumsina malee jedhan egereen isaanii Waardiyyaa nama dhuunfaa ta'uuf deema.

Oromiyaan qabsoo ilmaan isheen nii bilisoomti.

Qaamota har'a yakka raawwadhaa, nama ajjeesaa, maatii irratti mana gubaa, hidhaa! Qalaa! jedhanii Finfinnee ta'anii ajajan ajaja isaanii fudhachuu diduudhaan gara qabsoo uummataa nageenya Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa tiksuutti haa fuulleffatanin jedha.

Barsiisonni leenjii yakkaan guute tibba kana fudhattanii qaama uummata ajjeesaa jiru kana aangomsuun uummata keessa gadi dhaabuuf tattaafataa jirtan irraa of qusattanii, gara nagaa saba keessanii mirkaneessuuf ifaajuu MCBO utubuuf qabsaa'utti kottaa jenna.

Paartileen siyaasaa Oromoo ABO fi KFO dabalatee kanneen madaa'uuf deettiin daguugamee awwaalamaa jiraachuun Oromoo isin gaddisiise ajjeechaaf dararama saba keessan irraatti xumura goochuuf qabsoo siyaasaa bifa isinii aanja'een taasisaa jirtan uummata keenya Oromoo kallattii qabsiisuu irratti fuulleffadhaa.

Barbaachisummaa fi galma MCBO Oromiyaa akkam akka ta'uu qabu uummata hubachiisuu fi qabsoo keessanitti firii gochuuf hanga sirni Dimokiraasii mootummaa uummataa gadi dhaabu dhufutti gara MCBO gadi dhaabuutti fuulleffadhaa jenna.

MCBO hundaayuuf ummatni osoo ati qaama Mootummaa turte ati immoo ABO/KFO turte waliin hin jenne wal taanee Mootummaa nuuf tahu kan nagaa Oromoo maraa tiksu hanga filannoon haqaa gaggeeffamee filannutti wal dandahuun MCBO ijaarrachuun barbaachisaadha.

Kana gochuuf immoo miseensota ABO qofaan osoo hin taane lammiilee Oromiyaa hunda akkuma amma hirmaachisaa jirru caalaatti qooda irraa kan fudhattan yoo ta'e abjuun qabsaa'otaa nii dhugooma.

4. Amma tarmii (step) deemuu qabu deemeeraa?

Hanga yaadame deemuu baatus garuu yeroo kanatti ummatni Oromoo keessaa fi alaa MCBO akka hundaayuu qabu ofitti fudhatee jira. MCBO akka deggaru ibsateera. Sun step duraati. Kan itti aanu erga akka hundaayu fudhannee deeggaruun qofa osoo hin taane dirqama nurraa eegamu hundi keenya yoo gumaachinedha.

5. Hundaa'uuf abdiin kenname jiraa? Biyyoota alaa irraa yaadni tti laatameeraa?

Abdii qofa utuu hintaane dhibbaaf dhibbatti MCBO nii ijaarama. Ijaaramees nageenya lammiilee Oromoo nii tiksa. Kana taasisuuf qoodni Oromoon bahataa jiru ragaa gahaadha. Kanaaf Koree Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaa hundaa'ee jiru tumsuun barbaachisaadha.

Biyyoota alaarraa isa jedhuuf hogganaan AU yaada kana deeggaruun ibsa baasee ture. Kana malees MCBO EU akkasumas kanneen Mirga dhala namaaf falmaniin fudhatameera. Dabalataan Wanti ijoon beekamuu uummatni keenya qaama biraa abdachuun waan barbaadun argadha jechuun of dhamaasunis hagas mara gaarummaa hinqabu.

Qabsoo of irratti hirkannoo keessatti halagaan ykn biyyoonni addunyaa qabsoonkee duuba deebi'uu akka hindandeenyeef dhiibbaa geessisuu danda'uukee mirkaneeffannaan dirqama barbaadee si tumsa.

Sana bira gahuuf ammas uummati keenya waan irraa eegamuun MCBO ijaarrachuu irratti wal haa mari'atu. Kutannoon qooda irraa eegamu namni marti haa bahatu. Miidiyaan Oromoos dirqama irraa eegamu bahatee nagaan Oromoo bakkatti deebi'ee, hidhaman hiikamee ijoon gaaffii Oromoo akka deebii argatuuf murtee MCBO kana ofitti fudhatee irratti haa hojjetu.

Walumaagala Cehumsa kana akka hojiirra ooluuf ummatni keenya Mootummaa jedhee kan aangoorra jiruuf ajajamuu diduu, gibira kaffaluu diduu, gandootaa fi aanota irratti caasaa ummataan filameen akka bulu gochuudhaan yoo hojjetame MCBO ni milkaaya. Milkiin isaa ammoo ajjeechaa Oromoof Oromiyaa keessatti raawwataa jirutti daangaa godha. Nageenya waaraa argamsiisa. Hidhamaan siyaasaa akka hiikamu taasisa. Gaaffii Oromoo jaarraa lamaaf deemaa jiru akka deebii argatu godha!

Maayi irratti Furtuun nagaa uummata qabsaa'ota isaa dhaga'u harka jira!

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Sadaasa 9,2020

Karaa Telegram na hordofuuf Link πŸ‘‰https://t.me/qalboo/2054πŸ‘ˆ kana saaqi!

05/11/2020
04/11/2020

γ€Š INBOX 》
Jaalo akkam jirta RIB Maqalee Izzii dha'ame jedhamee dubbatamu keessa obboleessakootu ture. Eda galgala gaafa kaambiin isaanii Mootummaa Naannoo Tigiraayiin rukutame sagalee nu dhageessisaa ture. Waan akka cabbiin samiitii itti roobee wayii fakkaata. Sanaa booda bilbilli addaan cite. Ani akka kiyyaatti waanuma mana sana faana gubatan natti fakkaata. Bilbila isaa eda halkan sa'a 11:00 kaaseen yaalaa jira. "Swich down" naan jedhaa jira. Wanti na dhibu Harmeen koo qaama mootummaa gaafattee jennan nuyyuu kan keenya wallaallee jirra jedhan. Garuu midiyaan Tigiraayii to'anneerra jedhu bilxiginnaan. Sobuun biyya bultuus argee hin beeku ani. Mee namni achii fira qabdan bilbilaa gaafadha.
Kr Milkii Daraaraa

FB Dhiiroo Garbii gadhiisi
01/11/2020

FB Dhiiroo Garbii gadhiisi

Address

Butterworth

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Galma dhuga posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share