Callaa calloo

Callaa calloo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Callaa calloo, Shopping & retail, Four Corners, FL.

01/06/2024



basaastoonni biltsiginnaa aanaalee hundaarraa gara magaalaa shaambuu riphanii waan aanaa saanitti ta'u fi baadiyaa isaanii keessatti ta'u caasaa isaanii baadiyaa keessatti ijaaraanii qarshii kaffalani naannoo WBO,n bulu WBO n oolu naannoo WBO n itti baayyatu ilaalaniifi basaastoota kanatti himti isheen baadiyaa keessatti qarshiin bitamte warreen shaambuu jirtu immoo RIB itti himti sana booda bakka isaanii erga adda baafatani haala mijeeffatani drooniif haala mijeeffatani bakka isaan bulanitti ni haleelu waan ta'eef WBOn naannoo namni tokkollee hin argine fi eenyullee yoo bilbileef bakka bulti isaanii fi bakka oolmaasaa eenyuutti himuu hin qabu wbo,n
Cululleen fira fakkaattee sinbira nyaatti akkuma jedhamu WBO fakkaate fira fakkaatee kan si nyaatu hedduudha hin amaaniin eenyuun iyyuu isiniin jenna.

01/04/2024

โ†’Amboo Qeerroon Magaalaa Amboo Yeroo Gabaasa Dhiyesitaan Of Eeggannoo Taasisaa. Akkumaa Argitaan Suuraa Hin Kaasinaa. Ergamtoonni Pp Akkaa Malee Bobbaafamtee Jirtii.

01/04/2024

Ragaan waliigalaa adda bahe akka ibsutti lola kaleessafii har'a wallo aanaa jiillerratti gaggeeffamaa oolen;
Namni 9 yoo du'u
Namni 59 madoo guddoofi xiqqoo tahuu ragaan qulqullun hanga ammaa qindaahe addeessa.
Nama 59 madoo keessaa haga ammaa madoon cimaan adaamaa gahe nama 3 qofa.
Kan karaa jiruus nijira waan taheef karaa qindaawaa taheen ilmaan biyyaa deeggarsa warra miidhameef gochurrattiis haaxiyyeeffatamuu.
Waraanni kuni borus kan itti fufu taanan waan hamaatu mudachuu mala waan taheef Aanaa hundarraa nama lolaaf tahu konkolaatadhaan fiduun barbaachisaa tahuu himachaa jiru.
Rabbi ummata keenya nagaha haagodhu!
Kr Feizaah Ahimeed

01/04/2024

Aanaa suluultaa ppn Lafoon 30 taatee gara mogor deemte jirti!

01/04/2024

โ†’Naqamtee-giddaa gidduu konkolaatan takka hin baane ajaja fudhatan.Galatooma โœŠ

01/04/2024

๐—œ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผโœŠ
.
โ†’Kibbaa Bahaa Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Maartiitti Gootichii Sabaa W3On Gaafa Guyyaa 3/1/2024 tti humna diinaa maqaa Sakkaatinsa baatee daaraa Bootoroo Godhee ๐Ÿ’ช.
Haalumaa kana humnaa diinaa irraa nama 31 Du'aan Adabe. Nama 20 harkaan yoo qabuu. Namni 9 bosonaa keessaa badee fiigicha faayisaaf Leellisaa fiigdee magaalaatti galtee,๐Ÿ˜.

12/07/2023

Pp n jibbiinsa sanyummaan afaan Oromoo fi ilma Abbaa gadaa ofiin jedhanii Oromoo lafarraa balleessuuf uumamte waraanni pp Godina Shawaa kibba Lixaa magaalaa Walisoo Ganda 03 keessati guyyaa 7bara 2023 waaree booda sa'aa 11 irrati nama nagaa puulii taphachiisee of bulchaa jiru daandumarrati akkuma qoosaa fakkeessuun bira gahanii jilbifadhu jechuun gaaffii tokko malee dargaggoo Naggasuu Nugusee jedhamu mataa isaarrati itti dhokaasuun Aspaaltii gubbaatti dhiigini Oromoo tokko Lola"eera ppn Oromoo fakkaatee dhiiga dhuguun lafee ilmaan Oromoo akkuma salphaati cacabsan tuffii fii abdii kutannaa keessa galteerti , kan biraa ppn Loltoonni ishee Jalaa dhuminaan biyyatii keessaa Aanoota hunda keessaa milishoonni leenji"anii jiran shantama,shantama hataatamaan akka qopheessitan jedhamuun ajajini Shimalis faa qaqabeera dumini abbaa irree kanuma

12/07/2023

๐—”๐—ฟ๐˜€๐—ถ๐—ถโ€ผ๏ธ
( )
Rakkoo Arsii kibbaa bahaa fi Arsii Lixaa keessa deemaa jiru.
Gaafa muddee 6/2023 fi 7/2023 Godina Arsii lixaa Ganda Weeboo Kaakkaatti RIB manneen ummataa 13 ol qabeenyaa mana keessa jiru fi midhaan waliin barbadeessan.
Abbootiin warraa qabeenyaan jala ibiddaan barbada'ee
1,Huseen Qaasiim
2,kadiir Qaasiim
3,Usumaan Qaasiim
4,Gammachuu Huseen
5 Daawud Huseen
6,Suleman Hedoo
7, kadiir Dullee
8,Faaxee Kadiir
9,Huseen Gaayyoo
10,Jamaal Abduu
11,Dhaqabaa Diroo
Haaluma wol fakkatuun Muddee 7/2023 Arsii lixaa ona Gadab Hasaasaa Ganda Hulluuqqootti Humnoonni Moot*mmaa hidhattiin Sirna PP tiksuuf bobba'an ummata nagaa dhoggachuun Qe'ee isaanii irraa buqisuun Qabeenyaan tokko osoo hin hafiin midhaa woliin manneen torbaa ol (7) ibiddaan barbadeesuun dhaga'em.
Abbootii worraa Mannii fi Qabeenyaan jelaa barbada'e
1,Magarsaa Urgeessaa mana sadi(3)
2,Addunnee Magarsaa Mana sadi(3)
3,Tinted Tasfaayee mana tokko(1)

Gaafa guyyaa muddee 6/2023 Godina Arsii ona Shirkaa Ganda soolee cafaatti manneen ummataa hedduun gubachuu fi Manguddoon Ganna 65 Manni jalaa gubate Obbo Aadam Mammadoo bakkuma mana isaa jalaa gubachaa jirutti osoo kadhatu Humnoota mootummaa hidhataniin ajjeefamuu ummata irraa qulqulleeffannera.

Seensa baatii muddee gaafa 4/2023 Ona Arsii Roobee Magaalaa indatoo keessatti namni nagaa tokkoo qaamootuma mootummaa hidhatanii yoo ajjeefaman ilmaan Abashaas bulchaa Ganda 01 magaalaa indatoo Ajje*suu maddeen gabasaniiru.
Magaalaan indatoo guyyaa muddee 4/2023 irraa kaastee RIB irraa qubachuun ummata dorsisaa jirachuunis dhaga'ame.

Muddee 4/2023 Ona Zuwaay Dugdaatti Obboleessi Jaal Nadhii Gammadaa Obbo. Abdulazii Usmaan badii tokko malee lafa hojii daldalaa dukkaana isaa keessaa butamee,guyyoota 3'f Moonaa woraana RIB'tti galfamee doorsiifni irraa ga'uu fi ati obboleessa Nadhii waan taateef iddoo WBO jiru ni beektaa nu geessi jechuun daraaraa turtus guyyaa sadi booda gadhiisaniru.

Nama qabsoo hiree murteeffannatti hin amanneetu qabsoo hiree murteffannaa hoogganaa ture gaafa dhageessu sin raaju?Kalee...
11/26/2023

Nama qabsoo hiree murteeffannatti hin amanneetu qabsoo hiree murteffannaa hoogganaa ture gaafa dhageessu sin raaju?

Kaleessa mooraan QBO rakkina hooggansa hamaa keessa turte. Galata Rabbi haa ta'u malee har'a Jaal Marroon hanqina sana furee jira.

Obbo Leencoon waggaa 20 booda Jaarmiyaa jedhu uumee hoogganuuf yaalee turus itti hin milkoofne.

Nama diraamaa siyaasaa akkasii qabachaa turetu har'a ololaatti jira.

Maddi ololichaa ABO-WBO maaliif baduu dideedha malee rakkoo biraa hin qabu.

11/19/2023

๐™…๐™–๐™—๐™–๐™–๐™ฃ ๐™’๐™–๐™–๐™ฆ๐™–
Birgeedii Murtii Guutoo fi Birgeediin Obomboleeti Waliin ta'uun Dirree Hincinnii , Shanaan Hanga Gudariitti Waraana Impayeericha afaan isheen beektun tumee itti argisiisa Jira.

11/18/2023

Wantichi waan baay'ee iccitii ta'etu deemaa jiraa , aanaa Godinicha keessa konkolaataa jiru jiru hundatu university Mattuutti walitti qabamee jiraa , torbee irra darbee jira mattuu keessatti baajaajiin galgala sa'aatii 12 :00 taanaan socho'uu akka hin dandeenye , kallattii university sana karaan geessu immoo cufaadhaa waraanaan eegamaa jiraa , mooraan university Mattuu immoo koomaandoon eegamaa jira jedhu erga torbanii , maali yoo jedhanii gaafatan immoo gaggeessaa mootummaa olaanaatu dhufee qaamota hin beekamne waliin marii baay'ee iccitii ta'e gaggeessaa jiru kan jedhutu odeeffama . Har'aan guyyaa 3ffaa keessattuu connection Internet guutuu Godinicha keessaa sa'aatii booda 11:00 hanga halkan keessaa sa'aatii 5:00tti guutummaatti cufaadhaa , bilbillis hin hojjetu .

11/18/2023

(Inbox)๐Ÿ“ฅ
Waraanni Mattuurraa dhufaa jira jedhamu sun gara Cawwaaqaa 2ffaa ( Guduree) imala jedheen yaada.Waraanni dhufee Daarii Laga Dhidheessaa tabbarra bosona keessa faffacahuun dhokatee jira, Cawwaaqaa seenuudhaanis Waraanni mootummaa maallaqa baankii jiru fuudhanii bahani maanaajerri baankii sanaas Indaalkaachoo jedhama ilma warra kaabaati.

Yeroo ammaa kana Cawwaaqaa dhukaasa cimaatu jira jedhama.

Address

Four Corners, FL
34747

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Callaa calloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share