Chala Amen

Chala  Amen Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Chala Amen, شارع منيع عبدالله, Riyadh.

09/06/2024
17/03/2024

Paartileen Siyaasaa sagal ta'an ibsa waloo kaleessa baasaniin siyaasa shiraa barame keessaa osoo hin ba'iin furmaanni waaraafi amansiisaan dhufu hin jiraatu jedhan.

Komiishiniin marii biyyaalessaa gaaffileefi yaada nuti dhiyeessine xiyyeeffannoon deebii amansiisaa ta'e kennuu dhiisuun haaluma baratameen gaaffiiwwan ka'an ukkaamsuuf tattaaffii godhamaa jiru hubachuu dandeenyeerra jedha ibsi paartileen siyaasaa baasan kun.

Miseensonni koree paartiiwwan siyaasaa waltajjii dilbata dhufu qaban irratti akka hin hirmaanne beeksisaniiru.

Komiishiniin marii biyyaalessaa Itoophiyaa waamicha mariif taasise ilaalchisuun paartileen siyaasaa sagal ta'an ibsa baasan.

Dura taa'aan komishinichaa ejjennoo paartileen siyaasaa waloon fudhatan kan paartilee lamaa ABOfi KFO qofa taasisee dhiyeessuun nu giddutti qoqqoodinsa uumuuf yaaliin taasise haala jiru ifatti ibsa jedhaniiru.

Ijaarsi komiishinii marii biyyaalessaa fedhii paartii biyya bulchuu irratti kan hundaa'eefi adeemsa seeraa kan hin hordofne ta'uu ibsi paartilee siyaasaa kun ni eera.

Kun immoo qaama hojii komiishinichaa ta'uuf kan isaan danqu ta'uu ibsuun, hanqina seeraafi sirnaa waan qabuuf ergama qabatee ka'e ba'achuuf amanamaa akka hin taane argisiiseera jedhan.

Komiishinichi gaaffileefi yaada keenyaaf xiyyeeffannoofi deebii amansiisaa ta'e kennuu dhiisuun haaluma baratameen ukkaamsuuf tattaaffii taasifamaa jiru hubachuu dandeenyee jirra jedhan.

Ejjennoo paartileen siyaasaa waloon qaban kan paartilee lamaa ABOfi KFO qofa taasisuun dhiyeessuun qoqqoodinsa isaan gidduutti uumuuf yaalame akka ta'e akeeka ibsichi.

Haalota akkasii keessatti marii dhimmoota biyyaalessaa hunda caalaa bu'uura ta'an irratti mari'achuun hiika waan hin qabneef miseensonni koree paartilee siyaasaa waltajjii dilbata dhufu qaban irratti akka hin hirmaanne ibsa kanaan beeksisaniiru.

Qooda fudhattoonni; miidiyaaleen, hawaasni diyaaspooraafi hawaasni addunyaa michuu Itoophiyaa qabsoo karaa nagaa taasisaa jiraniif deggersa akka taasisaniif paartileen siyaasaa kun ibsa kaleessa Bitootessa 15, 2024 baasaniin gaafataniiru.

06/11/2023

Address

شارع منيع عبدالله
Riyadh
12797

Telephone

+966547475889

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chala Amen posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Chala Amen:

Share