Ethiopian Embassy dammam

Ethiopian Embassy dammam rakkoon Uumata saudi rakko keenya

05/07/2022
Apr 15,2022- Lammiileen 1,250  Sa'uudi Arabiyaatii  gara biyyaatti deebi'anGuyyaa har'aa lammiileen 1,250   Sa'uudi Arab...
15/04/2022

Apr 15,2022- Lammiileen 1,250 Sa'uudi Arabiyaatii gara biyyaatti deebi'an

Guyyaa har'aa lammiileen 1,250 Sa'uudi Arabiyaatii gara biyyaatti deebi'aniiru.

Namoota gara biyyaa deebi'an kanneen keessaa 674 dubartoota,366 daa'imman yoo ta'an kanneen hafan ammoo dhiirota jedhameera.Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaatii himan

Apr.14.2022.Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaarraa deebi’aniif sirna Afxiraa Masaraa Mootummaatti gaggeeffame
14/04/2022

Apr.14.2022.Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaarraa deebi’aniif sirna Afxiraa Masaraa Mootummaatti gaggeeffame

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 83 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an
13/04/2022

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 83 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Bitootessa 29, 2014  –Mootummaan Saa’uud Arabiyaa ijaarsa dijiitaalaa hundagaleessaa Ityoophiyaatiif deeggarsa kan taasi...
07/04/2022

Bitootessa 29, 2014 –Mootummaan Saa’uud Arabiyaa ijaarsa dijiitaalaa hundagaleessaa Ityoophiyaatiif deeggarsa kan taasisuu ta’uu beeksiseera. Workshooppiin manni maree carraa hojii uumuu Idil Addunyaa Saa’uud Arabiyaatti gaggeeffameera. Workshooppicharratti kan hirmaatan Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Aadde Huriyaa Alii, haala mijataa dijiitaala hundgaleessaa uumuuf hojii Ityoophiyaan eegalte ilaalchiisuun ibsa kennaniiru. Mootummaan Saa’uud Arabiyaas…

Lammiileen Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaa, Riyaadii fi Jiddaa keessatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 103 guyyaa ...
06/04/2022

Lammiileen Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaa, Riyaadii fi Jiddaa keessatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 103 guyyaa har’aa gara biyyaatti deebi’uusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muldhisa.

Mar,30,2022,Lammiilee Itiyoophiiyaa Saa'uudii-Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebisuun eegalameera. Har'as lammiileen gar...
30/03/2022

Mar,30,2022,Lammiilee Itiyoophiiyaa Saa'uudii-Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebisuun eegalameera.

Har'as lammiileen gara biyyaatti deebi'aniiru.

Wayita Buufata Xiyyaara Idil-Addunyaa Boolee gahan, Jilli Ministira Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dr. Ergooggee Tasfaayeen durfamuu lammiilee kanneen simateera.

Daa'imman, dubartootaafi kanneen rakkoo fayyaa qabaniif carraan duraa kennamuusaa himameera.

Har'as guyyaa guutuu hojiin lammiilee deebisuu cimee akka itti fufu beekameera.

Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa kaleessa akka beeksiseetti, har’a Bitooteessa 21 bara 2014 irraa eegalee lammiilee Itoophiyaa kuma 100 ol tahan ji’oota 7-11tti akka deebi’aniifi hojii deebiisani dhaabuu sadarkaa biyyaaleessaatti akka hojjatamu ni eeggama.

Mar,17-2022-Laammiilee Itiyoophiiyaa Sawud-Arabiyaa jiran deebisuuf hojii hojjetamaa jiruun Lammiileen kumni 35 galmeen ...
17/03/2022

Mar,17-2022-Laammiilee Itiyoophiiyaa Sawud-Arabiyaa jiran deebisuuf hojii hojjetamaa jiruun Lammiileen kumni 35 galmeen isaani xumuramuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dhimmoota dippilomaasii Siyaasaa, Dinagdee fi lammiilee irratti ibsa kan kennan Dubbii himaan Ministeericha Ambaasaador Diinaa Muftii, Afriikaa Bahaatti ergamaan adda Chayinaa Ministeera Muummee Itti aanaa fi Ministeerri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin waaliin marii taasisuu himan.

Deeggarsa gama hundaa Chayinaan Itiyoophiiyaaf taasisaa jirtuuf galateffachuu eeruun Chayinaan gama isheen deggarsa fi walitti dhufeenyaa gama hundaan Itiyoophiiyaa waliin qabdu cimsitee

akka itti fuftu ibsuu beeksisaniiru. Dhimma Dippiloomaasii biroon Ambaasaddaroonni haaraan Itiyoophiyaa Jaappaan , Ijipti, Kuubaa , Eertiraa , Kooriyaa Kibbaa, Ameerikaa , Morookoo, Paakistaan, Kootdivoor, Awustaraaliyaa, Ruwaanda, Sudaan, Siwiidinitti muudamuu eeruun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa biyyoota kanneen waliin qabdu daraan akka cimsuu eeraniiru.

Gama dippiloomaasii lammiileen walqabatee hojii lammiilee Itiyoophiiyaa Sawud Arabiyaa jiran baasuuf hojjetamaa jiruun hanga ammaatti galmee fi ragaan lammiilee kuma 35 qulqullaa'uu eeruun yeroo gababa keessatti gara biyyatti akka deebi'an ibsaniiru.

Mar,10,2022,Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf qophiin duraa xumurame – Amb...
10/03/2022

Mar,10,2022,Lammiilee Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf qophiin duraa xumurame – Ambaasaaddar Diinaa Himan

fri,4, 2022  – Lammiilee Ityoophiyaa seeraan alaa Sawud Arabiyaa jiraatan kuma 102 ol torbanoota sadan ittaananitti gara...
04/03/2022

fri,4, 2022 – Lammiilee Ityoophiyaa seeraan alaa Sawud Arabiyaa jiraatan kuma 102 ol torbanoota sadan ittaananitti gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Minsteera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan. Lammiileen Ityoophiyaa kumni 750 Sawud Arabiyaa kan jiraatan yoo ta’u kanneen keessaa kumni 450 seeraan ala kan jiraatan ta’uu…beeksisan

Feb 25,2022 Lammiilee haala rakkisaa keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jira - Ambaa...
25/02/2022

Feb 25,2022 Lammiilee haala rakkisaa keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jira - Ambaasaaddar Leencoo Baatii Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Saa’uud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin beeksiisan.

Lammiilee Ityoophiyaa sababoota garaagaraan karaa seeraan alaa Saa’uud Arabiyaa seenuun hidhaa fi rakkoo hamaaf saaxilaman yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Saa’uud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin ibsaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa Mootummaa Saa’uud Arabiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Lammiileen kunneen wayita gara biyyaa deebi’an rakkoof akka hin saaxilamne Koreen Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministeera Dhimma Alaan durfamu hundaa’ee naannolee waliin gara hojiitti galuu eeraniiru.

Ityoophiyaatti sababa walitti bu’iinsaan rakkoon diinagdee fi hawaasummaa muudatus mootummaan Ityoophiyaa muddama hedduu keessa ta’ee Mootummaa Saa’uud Arabiyaa waliin mari’achuun lammiilee kuma 42tti hiiqan gara biyyaatti akka deebi’an taasiisuu Ambaasaaddar Leencoon eeraniiru.

Yeroo ammaas lammiileen achi jiran kunneen hanga gara biyyaatti deebi’anitti Mootummaan Saa’uud Arabiyaa seera qabiinsa mirga hidhamtootaa idil addunyaa kabajuun Manneen amala sirreessaa kanneenitti deeggarsi barbaachisu akka taasiifamuuf Imbaasichi itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu dubbataniiru.

Lammiileen karaa seera qabeessan gara Saa’uud Arabiyaatti imalauuf galmaa’anii rakkoo uumame sodaachuun hafan deemuu kan danda’an ta’uu Ambaasaaddar Leencoon eeraniiru.

Feb 23, 2022- Lammiilee Saa’udi Arabiyaatti dararamaa jiran biyyatti deebisuuf hojjetamaa jira”- Ambaasaaddar Leencoo Ba...
23/02/2022

Feb 23, 2022- Lammiilee Saa’udi Arabiyaatti dararamaa jiran biyyatti deebisuuf hojjetamaa jira”- Ambaasaaddar Leencoo Baatii

Lammiileen Itoophiyaa mana hidhaa Saa’udi Arabiyaatti dararamaa jiran yeroo dhiyoo keessatti gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jira; kanneen deebifamanis jiraachuu Saa’udi Arabiyaatti Ambaassadarddarri Itoophiyaa Leencoo Baatii hubachiisan.

Ambaasaaddar Leencoon ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin lammiileen Itoophiyaa sababa alseerummaa garaa garaan Saa’udiitti hidhaaf saaxilaman hatattamaan mana hidhaarraa baasisuun gara biyyaatti deebisuuf rakkoo walxaxaan jiraatus, mootummaa biyyattiifi kan Itoophiyaa gidduutti marii taa'ameen hanga tokko gara biyyaatti deebisuun danda’amus kanneen hafanis yeroo gabaabaa keessatti biyyatti deebisuun hojjetamaa jira

Address

جامعة الملك سعود, الرياض, السعودية
Riyadh
12373

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethiopian Embassy dammam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share