Madaala

Madaala Lagni lafaaf malee lafeef daangaa miti

Aagaa dhagaha dhaloota qubee qaruuf barumsii hundee guddinati kanaafuu barattoonni, maatiin barattoota fi barsisoonni ga...
25/03/2026

Aagaa dhagaha dhaloota qubee qaruuf barumsii hundee guddinati kanaafuu barattoonni, maatiin barattoota fi barsisoonni gahee keessan bahuuf har’ii ka’umsa boruut waan taheef kitaaba Herrega kutaa 9 fi 10 oggeeyyii herregatiin isiniif qophaahe kana akka itti fayyadamtannin dhaamsa keenya.

Address: Magaalaa Finfinne
Contact: +251 94 213 4895 bilbiluu qofa Madaala

Harkaa fuune hordoftoota garee kana kitaaba kana too barbaadan keessaan naa dubbisa. Kitaaba Ammaayyaa fi yeroo isaa eeg...
24/03/2026

Harkaa fuune hordoftoota garee kana kitaaba kana too barbaadan keessaan naa dubbisa. Kitaaba Ammaayyaa fi yeroo isaa eegate barattoota kutaa 9 fi 10 qophaahe waan taheef itti fayyadama. Iddoon argama isaa magaala finfinnee

16/02/2026

Siin jaladha🫶

07/01/2026
SODDAA FI SURREE WALIIN  KUFAN
26/07/2025

SODDAA FI SURREE WALIIN KUFAN

13/07/2025

ARSI’II
********
Arsiin ilma Ambattoo Dayyooti. Gosa Oromoo baldhinna lafa qubateefi baay'inna ummataatin guddaa ta'eedha. Lafti Arsii—Kaabaan laga Awash irraa kaa’ee hanga Hara Habaasii Kibbaan fulla’a. Lixaan Laga Bilaatee ka’ee Gannalee fi Daawwatti dhaabata. Godinoota amma Arsii, Arsii Lixaa, Baale, Baalee Bahaa guututti kan dhuunfatu yoo ta’u; Godinoota Shawaa Bahaa, Boorana Bahaa, Harargee Lixaaa ammoo cinaa tokko ykn muraasa ni qabata.

Arsiin ilmaan lama qaba: Mandoo fi Siikko.

Siikko ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo—Sikkiisa):
I. Bullaala
II. Jaawwii
III. Ilaani
IV. Wocaalee
V. Waaji

Mando ilmaam torba qaba (Torban Mandoo—Mandooyyuu):
I. Raayyaa
II. Kajawa
III. Utaa
IV. Waayyu
V. Waanama
VI. Harrojji (Biltuu)
VII. Hawaxxuu

Arsiin laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti waabee gamaa Baale yoo jedhamtu ta gamanaa Diida'aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti.
Arsiin lafa isaa yeroo hedduu:
* Baale
* Gadab
* Albasoo
* Diida'aa
* Laangannoo fi
* Dambal
jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta'u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Harannaa, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babaldha jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.

Fakkeenyaaf: Itayyaa fi Dheeraan lafaa Arsii ta Albasoo jedhaniini.
--
Magaalonniifi aanaaleen akka: Asallaa, Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijoo, Amiinya, Abboomsa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shiree fi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti argamaniiti.
---
---
Arsiin ummata woliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa baldhoofi cululuqxuu qabu. Ka tuqan malee nama hin geenne. Ka haqaafi dhugaa isaa irratti du'u. “Arsii tuttuqaa didduu, Arsii tuttuqan hiddu” jedhee ibsa waan kana walaleessaan gameessi Amaan Nyafaroo.

Arsiin deegu ka wolii hirphu. Beelayu ka midhaan wolii fe'u. Ka xiqqaa guddaa kabaju. Maatii irra taree kan firaafi gosaa hadoodu. Woyyomaafi Siinqee sodaatu. Ka keessummaa mana isaa bulte horii qaleefi miila dhiqee bulchu.

Seenaa gita-bittaa biyya kanaa keessatti kan Minilkii qawwee Awuurophaa fi Raashiyaa hidhate cichee woggoota torbaaf afoo dhaabbatee qolate—Arsi’ii. San boodas itti duulamus ni ripha malee, gaafuma ka’e waan isaa deebifata!

Jila sikkoo mandoo guyya boruu eegala
11/07/2025

Jila sikkoo mandoo guyya boruu eegala

https://pse.is/7km8r5
13/05/2025

https://pse.is/7km8r5

Sicho Tube is a Media Company that mainly focuses on echoing a voice to the voiceless, Sicho tube has been working hard in raising awareness in different sociological matters . this media company has been the reason for the change of so many lives throughout the country.

19/03/2025

Yeroo ganaman hirriba irraa kaatuu dursee maaltuu saammuutti sii dhufa?

Address

Shashemene
Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Madaala posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Madaala:

Share

Category