07/08/2024
Akka odeeffannoon tajaajilichi fuula marsariitii hawaasaa irratti maxxansee; Akkaataa Dambii Mana Maree Ministirootaa 550/2024 yeroo yeroon, ariifachiisaa, haaromsuuf; Tajaajila paaspoortii bade fi sirreeffameef tarree kaffaltii fooyya’iinsa gatii Hagayya 1, 2016 irraa eegalee hojiirra oolu taasiseera.
Kana bu'uura godhachuun guyyaa boruu irraa eegalee paaspoortii haaraa baasuuf Birrii kuma 5 baasisa. Paaspoortiin ariifachiisaa guyyaa 2 keessatti gahu gara birrii kuma 25tti jijjiiramee Paaspoortiin hatattamaa guyyaa 5 booda dhufu kuma 20 taasifamaa jira.
Gatiin walfakkaataan haaromsa paaspoortii fi fuula irra deebi’anii dibu ifoomeera; Haala kanaan birrii kuma 5 akka idileetti; Paaspoortiin hatattamaa guyyaa 2 keessatti dhufu Birrii kuma 25 yoo ta’u, paaspoortiin hatattamaa guyyaa 5 keessatti dhufu Birrii kuma 20 ta’a.
Warra haaromsaa fi sirreeffama barbaadaniif Birrii kuma 12 fi 500; Paaspoortiin hatattamaa guyyaa 2 keessatti dhufu birrii kuma 32 fi 500 yoo ta'u, paaspoortiin hatattamaa guyyaa 5 keessatti dhufu ammoo birrii kuma 27 fi 500 ta'a.
Paaspoortiin guyyaa qabamee yoo miidhame, normal Birrii kuma 13; Paaspoortiin ariifachiisaa guyyaa 2 keessatti gahu birrii kuma 33 fi paaspoortiin hatattamaa guyyaa 5 keessatti dhufu ammoo birrii kuma 28 akka baasu hubatameera.
Paaspoortiin miidhame osoo hojiirra jiruu sirreessuu barbaadaniif birrii kuma 20 fi 500 idilee; Paaspoortiin hatattamaa guyyaa 2 keessatti dhufu birrii kuma 33 yoo ta’u, paaspoortiin hatattamaa guyyaa 5 keessatti dhufu ammoo birrii kuma 35 fi 500 ta’a.