11/04/2026
Magaalaa Roobeetti Shakkamtoonni guyyaa kaleessaa ogeessa fayyaa Obbo Waaqoo Kadiir irratti reebicha raawwatan to’annoo seeraa jala oolan.
Ebla 3/2018
Shakkamtoonni guyyaa kaleessaa ogeessa fayyaa Obbo Waaqoo Kadiir irratti reebicha raawwatan to’annoo seeraa jala oolaniiru.
Akka ibsa Ajajaa Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Roobee, Komaandar Gammadaa Tullichaatti, guyyaa kaleessaa namoonni torba Buufata Konkolaataa Duraanii keessatti ogeessa fayyaa Obbo Waaqoo Kadiir irratti yakka reebichaa raawwatan Qaamoleen nageenyaa shakkamtoota kana to’annoo seeraa jala oolchuu isaanii ibsaniiru.
Komaandar Gammadaa Tullichaa ibsa kennaniin akka jedhanitti, qaamoleen nageenyaa hordoffii fi sochii qindaa’aa taasisaniin shakkamtoonni torba to’annoo seeraa jala oolaniiru.
Namoonni yakka kanaan shakkamanis:-
1. Obbo Muhaammad Awwal jiraataa Magaalaa Roobee, Ganda Caffee Doonsaa.
2. Obbo Boonsaa Awwal jiraataa Magaalaa Roobee Ganda Caffee Doonsaa.
3. Obbo Abdiisaa Kadiir – jiraataa Magaalaa Roobee, Ganda Caffee Doonsaa.
4. Obbo Ibraahim Huseen jiraataa Magaalaa Roobee, Ganda Caffee Doonsaa.
5. Obbo Akaalii Asaffaa jiraataa Magaalaa Roobee, Ganda Caffee Doonsaa.
6. Obbo Abdurahmaan Amiin Magaalaa Roobee; jiraataa Ganda Caffee Doonsaa.
7. Obbo Suulxaan Huseen jiraataa Godina Baalee, Aanaa Harannaa kan ta'aan shakkamtoota kana irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamuuf Qajeelchi Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Roobee dhimmicha qulqulleessaa jiraachuu isaa Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Roobeetu gabaase.