11/05/2025
Haadha manaa fi abbaa manaatu dabareedhaan qaama dhiqatu turan. Guyyaa tokko haati manaa dursitee dhiqattee abbaan warraa ishee dabaree isaa dhiqachuuf seene. Gidduudhaan ulaan rukutamnaan haati manaa dalga marxifattee ulaa banuuf deemte. Yeroo isheen bantu miiltoo hojii abbaa warraa isheeti. "Abbaa manaa kee barbaadeen ture" jedheen.
"Qaama dhiqachaa jira" yeroo isheen jettuun, akka nama ofirra deebi'ee deemuuf jedhuu achi deemee of duuba gara galee, "Harma kee natti agarsiisi qarshii 100n sif kennaa" jedhee gaafate. Isheenis xiqqoo akka yaaduu taatee, "Ilaaluu qofaa?" Jetteen. "Eeyyeen" jedhee deebisaaf. Adda bantee itti agarsiiste. Qarshii 100 kenneefii ammas akka nama gara dhufetti adeemuuf yaadee fuula naanneffatee of duuba deebi'ee, "Yoo harma kee na tuqsiiste qarshii 200 siifan kenna" jedheen. Isheenis qarshii 200tti garaa jabaachuu waan dadhabdeef xiqqoo yaaddee, "Tuquu qofaa?" Jetteen. "eeyyeen tuquu qofa" jennaan, ammas huccuu irraa saaqxee xuqsiiste. Xiqqoo susukkuumee qarshii 200 kenneefii ulaa banatee gara dhufetti deebi'e. Isheenis "ergaan kee maal ture?" Jennaan, "Hiriyaan kee dhufee ture qofa jedhii itti himi" jedhee deeme. Abbaan manaa ishees dhiqatee yeroo ba'u, "eenyu ture kan ulaa rukute?" Jennaan, "Hiriyaa bakka hojii keetiiti. " jetteen. Abbaan manaas xiqqoo seeqqatee "meerreree amma?" Jedhee gaafate. " Qaama dhiqachaa jira jennaan deebi'ee deeme" jetteen. Abbaan manaas nyaara walitti guduunfee," Qarshii 300 sitti kenneeraa?" Jedhee gaafate. Haati manaas baay'ee rifattee "Eeyyeen akkamitti barte garuu?" Jettee gaafatte.
"Lakki... Waajjira yeroo jirru Dhimma ariifachiisaafan barbaade jedhee narraa liqeeffatee ture " jedheen