Harargee biyya jaalalaa

Harargee biyya jaalalaa Akka abaluttin sirbaan morma nama jallisa

25/01/2026

ARSTIST UMURII SULEEMAN 💖💖💖💖💖👉Ilma Sikkoo Mandoo
Sanyii Waaqo Guutuu.
Leenca ilma sabaa
Kan biyyaan Dhaadatuu.
Gadaamessa Halloo
Seenan hin dagatuu.
Bakkalcha oromoo
kan diinni sodaatuu.
Yoo xayyaarrii umar
Booletti Qubatuu.
Waaqon biyyoo diigee
Ka'uuf hin foolatuu?
Haaj Aadam Saddoo
Qawwee hin fudhatuu?
Gootichi salalee
Taadden hin dhaadatuu?
Eebboon guyyaa tokkoof
Eyyema hin gaafatuu?
Agariin ka'uudhaf
Biyyoon hin falmatuu?
Hundasaanitiifuu
Biyyoon yaa salphatu.
=
Goota baddaa Baalee
Isa qabsoon sirrii.
Guddisa gootichaa
Kan Aliyyii Cirrii.
Ana dhufu jedhaa
Uummanni ke marri
Kumaatamni yaa'ee
Ililcheera firrii.
Umar biyya galee
Kiyyas ciise dirrii.
=
Simannaa gootatiis
Gootumatu dhaqaa.
Leenca badda Baalee
Abbaa qabsoo haqaa.
Agartuu Uummataa
Umar kennaa waaqaa.
Sagalee kee sodaa
Dinni karaa maqaa.
Rasaasa Oromoo
Misaayela haqaa.
Simannaa gootatiif
Qeerrotu burraaqaa.
Paarkii Diinshoo keessa
Bosonuun dammaqaa.
Bosona Baaletu
Asiif achi daaqaa.
Raasaa Shanakkaatu
Calee gadi naqaa.
Kunoo Gobba keessa
Urjiin calalaqa.
Waabetu basaastuu
Hallayyaatti naqaa.
Umar biyya gallaan
Diinni Baalee baqaa.
=
Umar goota dhugaa
Kan sagaleen dammaa.
Biiftuu Baddaa Baalee
Niwukularii ammaa.
Goota diinaf summii
Barsiisaa tokkummaa.
Osoon loowwwan eeguun
Faaruu kee dhandhamaa.
Anaa dhufu leencoo
Garramesssa namaa.
Onnee kiyya keessaa
hin baatu gonkumaa.

ANAA DHUFU UMAR !!!

21/03/2024

You laugh and be happy as you want from the media but my brothers are being bulleted from wallo what is wrong with us?
Dear God please help. us
By Dambalii Jaalalaa

03/03/2022

Ijoolle nibannee mitii Hiyyooman Hayyooman Jedhama Mitiiree

01/02/2022

jirra jirtu

30/01/2022

Taaddesa Biru

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Harargee biyya jaalalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share