Gachana Waloo

Gachana Waloo Ethio tell

Jalqabbii Olka'insa Itoophiyaa!***************Qaammee 04/2017)Godina Harargee  bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqeetti Jalqabbii ...
09/09/2025

Jalqabbii Olka'insa Itoophiyaa!
***************
Qaammee 04/2017)Godina Harargee bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqeetti Jalqabbii olka'insa Itoophiyaa kan ta'e xumuramuu hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa sababeeffachuun uummanni Aanaa Mayyuu yeroo ammaa kana gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

Baga Gammaddaan,Baga Gammanne!

๐—œ๐˜๐—ผ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ก๐—ถ ๐—š๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ!=============/============Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) qaamoolee Hidhi Guddic...
09/09/2025

๐—œ๐˜๐—ผ๐—ผ๐—ฝ๐—ต๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—ก๐—ถ ๐—š๐—ฎ๐—น๐—ฎ๐˜๐—ฒ๐—ฒ๐—ณ๐—ณ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ!
=============/============
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) qaamoolee Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa akka xumuramuuf gumaacha taasisaniif Badhaasa Nishaanii Kabajaa kennaniiru.

Sirni Eebba Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa Gubaatti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Namoota Heddu Wajjin taโ€™uun Hidhichi Xumuraaf akka Gahu Qaamolee Gahee olaanaa Bahataniif Dooktar Abiyyi Ahimad Badhaasa Nishaanii kabajaa kennaniiru.

Haaluma kanaan .........
=>.๐‘ฏ๐’๐’‹๐’Š๐’Š ๐‘ฎ๐’‚๐’ˆ๐’ˆ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ฏ๐’Š๐’…๐’‰๐’‚ ๐‘ฎ๐’–๐’…๐’…๐’Š๐’„๐’‰๐’‚ ๐‘ฏ๐’‚๐’‚๐’“๐’๐’Ž๐’”๐’‚ ๐‘ฐ๐’•๐’Š๐’š๐’๐’๐’‘๐’‰๐’Š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ฐ๐’๐’‹๐’Š๐’Š๐’๐’‚๐’“ ๐‘ฒ๐’Š๐’‡๐’๐’†๐’† ๐‘ฏ๐’๐’“๐’๐’.
=> ๐‘ฏ๐’๐’‹๐’Š๐’Š ๐‘ฎ๐’‚๐’ˆ๐’ˆ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ฐ๐’•๐’•๐’Š ๐‘จ๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐‘ฏ๐’Š๐’…๐’‰๐’‚ ๐‘ฎ๐’–๐’…๐’…๐’Š๐’„๐’‰๐’‚ ๐‘ฏ๐’‚๐’‚๐’“๐’๐’Ž๐’”๐’‚ ๐‘ฐ๐’•๐’Š๐’š๐’๐’๐’‘๐’‰๐’Š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ฐ๐’๐’‹๐’Š๐’Š๐’๐’‚๐’“ ๐‘ฌ๐’‡๐’“๐’†๐’†๐’Ž ๐‘พ๐’‚๐’๐’…๐’‚๐’Œ๐’Š๐’…๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’‡ Badhaasni Nishaanii Kabajaa kennameefira.
~~~~~~~~~~~~~/~~~~~~~~~~~~~
Akkasumas Hojii Gaggeessaa Opireeshinii Buufata Hidha Guddichaa Haaromsa Itiyoophiya Injiinar Kamaal Ahimad fi Qindeessaa Saayitii hidhichaa obbo Balaachew Kaasaaf badhaasichi kennameera.

"Itoophiyaan hidha haaromsaa kan ijaarteef seenaa uummattoota gurraachaa jijjiiruuf malee biyyoota ollaa miidhuuf miti."...
09/09/2025

"Itoophiyaan hidha haaromsaa kan ijaarteef seenaa uummattoota gurraachaa jijjiiruuf malee biyyoota ollaa miidhuuf miti."

MMI Dr. Abiyyi Ahimed

08/09/2025
Imimmaan xiiqii fi cichoominaa kabaja biyyaa fi ummataaf dhangala'e.Kabaja biyyaa fi jaalala uummataa hojii qabatamaadha...
08/09/2025

Imimmaan xiiqii fi cichoominaa kabaja biyyaa fi ummataaf dhangala'e.

Kabaja biyyaa fi jaalala uummataa hojii qabatamaadhaan mul'ate, waadaa eegamee gochaan dabaalame.

Tajaajila Lammummaa Milkaa'ina Misoomaafi Furmaata Rakkoo Waloof!**********Hagayya 24,2017~~KWBAMM) Harargee Bahaa Aanaa...
30/08/2025

Tajaajila Lammummaa Milkaa'ina Misoomaafi Furmaata Rakkoo Waloof!
**********
Hagayya 24,2017~~KWBAMM) Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqeetti hojii kenna tajaajila lammummaatiin gaggeeffamaa jira..
Aadaa Oromoo ganamaa keessa inni tokkoo Aadaa wal gargaarsaan irree gamtoomeen rakkoo waloo keessaa wal baasuudha. Mootummaan Jijjiiramaa Paartii Badhaadhinaan hoogganamus kana bu'uura godhachuun, humnoota waloo Sadarkaa sadarkaadhan qindeessuudhan kenna tajaajila lammummaa labsuun hojii hojjetameen bu'aa hedduun galmaa'ee jira.

Haalumaa kanaan Godina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Muluqqeetti Hoggansi Aanaa fi Gandoota Aanichaa Iddoo Bulchaan Aanaa Mayyuu Muluqqee Obbo Junedi Mahamud fi Itti Aanaa Waajjira Jallisii Godina Harargee Bahaa Obbo Akkasumas Koreen Qindeessaan Aanichaa Hundi argamanitti Ijaarsa Mana Harka qalleeyyii ijaaruu eegalanii jiru.
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Mayyuu Muluqqee Obbo Juneeydii Sheek Mahammud ergaa dabarsaniin,hojiin tajaajila lammummaa humna,beekumsaafi qabeenya gurmeessuun bu'aa barbaadamuuf akka oolu taasisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu waan ta'eef milkaa'ina isaaf Uummanni sadarkaa sadarkaan jiru tumsa barbaachisaa taasisuu qaba jedhaniiru.
Uummannis kaayyoo tajaajila lammummaa hubachuun bakka rakkoon uumamaa fi namtolchee gara garaa muudatutti miira jaalalaafi obbolummaatiin humna, maallaqaafi beekumsaan walbira dhaabbatee rakkoo wal Baasuu akka qabaniis Dhaaman.

Pirojektiin Kun Biyyattii Gara Misoomaa Haaraatti Kan Geessu fi Dhaloota Boruutiif Abdii fi Amanamummaa Olaanaa Kan kenn...
25/08/2025

Pirojektiin Kun Biyyattii Gara Misoomaa Haaraatti Kan Geessu fi Dhaloota Boruutiif Abdii fi Amanamummaa Olaanaa Kan kennudha!
________
Buโ€™aawwan seenaa Itoophiyaa keessaa inni guddaan of kennuu, kutannoo fi qulqullina waliigalaa akka taโ€™e ibsa.Hidha haaromsa Itoopiyaa Guddichi hojii idil-addunyaa kana keessatti fakkeenya olaanaadha.Pirojektiin kun fakkeenya ummata Itoophiyaa misooma biyyaalessaa fi waadaa dhaloota dhufuuti.Hidhi kun pirojektii humna elektirikii bishaanii Afrikaa keessatti isa guddaa kan oomishuuf yoo taโ€™u, MWA 6,450 irraa kan maddisiisu taโ€™a.Dandeettiin humna ibsaa bishaanii kun biyyattii humna ibsaa irraa baraaruu qofa osoo hin taane,misooma industirii biyya keessaa fi misooma dinagdee naannoo irratti bu'aa guddaa agarsiisa.

Pirojektiin kun guddina teeknooloojiitiifis gumaacha guddaa taasiseera.Adeemsa ijaarsaa keessatti carraan hojii hedduun kan uumaman yoo taโ€™u, ummanni naannoo sanaa dandeettii teeknikaa barachuun dandeetti hojii isaanii fooyyessaniiru. Kunis guddina hawaasa misooma humna namaa fi teeknooloojii biyyattii agarsiisa.Walumaagalatti ummanni Itoophiyaa ummata Itoophiyaa fakkeenya misooma biyyaalessaa fi waadaa dhaloota dhufuuti.Pirojektiin kun biyyattii gara misoomaa haaraatti kan geessu yoo taโ€™u,abdii fi amanamummaa olaanaa kan kennudha.

Pirojektoonni gurguddoon,kan akka Hidha Haaromsaa Itoophiyaa keessatti argaman yeroo badhaadhinaatti hojjetamaa jiru.Pirojektoonni kun dhaloota dhufuuf caalaatti abdii fi amanamoo dha. Uummata Itoophiyaa miliyoonaan lakkaaโ€™aman kan ummata Itoophiyaa boonsuun dandeettii seenaa fi boonsaa cimaa sabaa labsii sabaa agarsiisuu dandaโ€™eera.Of tuuluun fi ummanni kun humna misooma biyyaalessaa agarsiisa.Ummanni Itoophiyaa fakkeenya guddina biyyaalessaa fi waadaa dhaloota dhufu kan Ummata Itoophiyaa gabaabduu Ummata Itoophiyaa keessatti. Pirojektiin kun biyyattii gara misoomaa haaraatti kan geessu yoo taโ€™u, abdii fi amanamummaa olaanaa kan kennudha.

 !Godina Harargee bahaatti Waltajjiin mana Marii nageenyaa Godina Harargee Bahaa Magaalaa Hararitti gaggeeffameera Walta...
22/07/2025

!

Godina Harargee bahaatti Waltajjiin mana Marii nageenyaa Godina Harargee Bahaa Magaalaa Hararitti gaggeeffameera

Waltajjiin Mana Marii Nageenya kunis Nageenyaaf misooma Godinichaa daran Fuuldra Tarkaanfachiisuurratti kan xiyyeeffate yoo tahu
Waltajjicharratti Bulchaa Godina Harargee Bahaa Addee Miskii Mohammed, Itti gaafatamaan Waajjira Paartii badhadhinaa Godina Harargee Bahaa Obbo Habtamu Tasfaye Hogganaa Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Gargaraa Komishinaraa Naasir Mahammad,Itti Gaafatamaa Waajjiira Bulchinsaa fi nageenya Godina Harargee Bahaa Obboo Ahimadnaajii Abubeker Argamaniiru.
Waltajjicharratti sochii haala nageenyaaf misooma Godinichaa keessatti gaggeeffamaa tureerratti mariyatamuun hanqinaaf ciminoonni turan erga adda bahan booda Bulchaan Godinichaa Aadde Miski Mohammed Kallattii fuulduraa kaayuun Goolabaniiru.

Karoora Xiiqii Karoorfame Qixa karoorfameen Raawwannee Fayyadamummaa Ummataa mirkaneessuuf Waadaa galle Itti Cichuun Ni ...
22/07/2025

Karoora Xiiqii Karoorfame Qixa karoorfameen Raawwannee Fayyadamummaa Ummataa mirkaneessuuf Waadaa galle Itti Cichuun Ni dhugoomsina!

Harargee Bahaatti Bulchoonni Aanaalee fi Kaantiboonni Magaaloota Godinicha Karoora Xiiqii Bara 2018 Qixa Karoorfameen Raawwatanii fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessuuf Bulchaa Godinichaa Aadde Miskii Mahammad Waliin Sana Walii galtee Walii mallatteessaniiru

"Hoggansi Haala Sirnaan Beekee Hojii Hunda Wal Qixa Hogganuu fi Hirmaannaa Uummataa Cimsuutu irraa Eeggama"Aadde Miski M...
21/07/2025

"Hoggansi Haala Sirnaan Beekee Hojii Hunda Wal Qixa Hogganuu fi Hirmaannaa Uummataa Cimsuutu irraa Eeggama"Aadde Miski Mohammed โ€ผ๏ธ

"Hoggansi Haala Sirnaan Beekee Hojii Hunda Wal Qixa Hogganuu fi Hirmaannaa Uummataa Cimsuutu irraa Eeggama" Aadde Miski ...
21/07/2025

"Hoggansi Haala Sirnaan Beekee Hojii Hunda Wal Qixa Hogganuu fi Hirmaannaa Uummataa Cimsuutu irraa Eeggama" Aadde Miski Mohammed.
________^
Harargee Bahaatti kallattii hojii karoora guyyoota 90 bara 2018 irratti hoggantoota sadarkaa godinaa,Aanaalee fi Magaalota godinichaa hirmaachise waliin magaalaa Hararitti mari'atamaa jira.Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhadhinaa Damee Godina Harargee Bahaa Obbo Habtamu Tasfaye galma karoora badhaadhinaa qabame milkeessuuf godinichatti roga hundaan hojjatamaa jiru jajjabeessadha jedhan.Hanqinoota jiran maqsuu,ciminoota argaman itti fufsiisuu, akkasuma jijjiiramicha itichuu fi daran itti fufsiisuf kutannoon hoggansa sadarkaan jiruu barbaachisadha jedhan.

Bulchaan Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammad gamasaaniitiin bara hojii 2017 keessaa hojiin fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduun hojjatamu eerun,karoora guyyoota 90 bara 2018 kanaan jiruu fi jireenya ummataa jijjiiruu,hiyyummaa jalaa baasun badhaadhina maatii fi hunda galeessa dhugoomsuuf xiyyeeffannoo addaa fi miira yeroo hin qabnutin hojjatamuu qabaa dhaaman.

โ€œHiyyummaa Buโ€™uuraan Injifachuuf Carraalee Misoomaa Qabnutti qixaan Fayyadamuun murteessaadhaโ€
!

Address

Finfinee
Addis Ababa

Opening Hours

Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gachana Waloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share