Furtuu Furmaata

Furtuu Furmaata Waliin taanee gara galma keenyaatti haa imallu!

11/01/2026

"All power belongs to Jesus"
📖 Matthew 28:18
👉 Say

08/01/2026

YESUUS YOOM DHALATE?
Yesuus Yoom Dhalate?

Gaaffiin kun kutaalee lamatti deebi'a: Guyyaa Sirrii fi Guyyaa Ayyaaneffannaa.

A. Macaafni Qulqulluu Maal Jedha?
Macaafni Qulqulluu guyyaa, ji'aa fi waggaa Yesuus itti dhalate kallattiidhaan hin ibsu.

Lafa Tiksootaa: Yeroo Yesuus dhalatu, tiksoonni halkan bakkee bulan (Luqaas 2:8). Biyya Israa'elitti ji'a Muddee (December) keessa qorri/cabbiin waan jiruuf tiksoonni bakkee hin bulan. Kanaafuu, dhalootni isaa tarii wayita Birraa (Spring) ykn Arfaasaa (Autumn) ta'uu danda'a jedhamee tilmaamama.

B. Seenaan Maal Jedha? (Waggaa Dhalootaa)
Hayyoonni seenaa fi Macaafa Qulqulluu, Yesuus kan dhalate Dura Kiristoos (B.C.) Waggaa 6 hanga 4 gidduutti ta'uu akka danda'u ibsu.

Sababii: Herods Guddichi (Mootii yeroo sanaa) kan du'e 4 B.C. keessa dha. Yesuus immoo utuu Herods hin du'in dhalate (Maatewos 2).

C. Maaliif Muddee 25 ykn Amajjii 7 Kabajna?
Guyyoonni kun guyyaa dhalootaa sirrii osoo hin taane, guyyaa Waldaan Kiristaanaa Dhaloota Isaa Itti Yaadattu (Celebrate) dha.

Muddee 25 (December 25): Waldaaleen Lixaa (Kaatolikii fi Pirotestaantii) guyyaa kana filatan. Dur Roomaa keessatti guyyaan kun ayyaana waaqeffannaa biiftuu ture; Kiristaanonni immoo "Biiftuun Dhugaa (Yesuus) dhalateera" jedhanii ayyaana sana bakka buusan.

Amajjii 7 (Tahsas 29): Waldaaleen Bahaa (Ortodoksii, keessumatti Itoophiyaa fi Raashiyaa) guyyaa kana kabaju.
Walumaagalatti, Yesuus yoom akka dhalate guyyaan sirriin hin beekamu; garuu inni nama seenaa keessa dhufee darbe qofa osoo hin taane, Waaqayyo foon uffatee dhufe ta'uun isaa fi kaayyoon dhaloota isaa (fayyina namaa) beekuun caalaa murteessaadha.
Yesuus Waaqayyo isa barabaraan jiraatu, dur kan ture, harra kan jiruufi boris barabaraan isa jiraatuudha (Ibr 13:8)

Madda: F.b. Adugna

04/09/2025
23/01/2025

Religious organization

26/12/2024



Ifaa fi dukkana wanni adda godhu tokko ifini jiraachuuf maddi ifaa jiraachuun in mala; garuu dukkanni jiraachuuf maddi dukkanaa hin barbaachisu. Wanneen ajaa’ibsiisaa ta’an keessaa tokko utuu biiftuun guyyaa sadaffaa irratti hin uumamiin dursee gaafa guyyaa tokkoffaa “Waaqayyo, ‘Ifini haa ta’u’ jedhe; ifinis in ta’e” (S.U.1:3) jedhu dha. Ifini kun guyyaa sadiif erga ifee booda guyyaa arfaffaa irratti biiftuun uumamuun itti dabartee ifa kennite.

Wanni hubatamuu qabuu akkuma Koosmooloojii fiizikaalaa fi astronomy keessatti anniisaan dukkanaa’aa /Dark Energy/ ijaan hin mul’anne yuniivarsii kana irratti dhiibbaa guddaa geessisa jedhu; akkuma kana inni agartuu ija namaan hin mul’anne Waaqayyo madda ifaa ta’uun nama ajaa’ibsiisa. Biftuun kun yeroo dabartutti “Waaqayyo gooftaan ifa isaanii ta'uuf waan jiruuf, ifni ibsaa, ifni aduus isaaniif hin barbaachisu” (M.Y. 22:5). Kana jechuun ifichi inni jalqaba ture sun deebi’ee barabaraan ifa.

Waggaa 2000 halkan tokko utuu biiftuun hin jiraatiin namoota dukkana keessa jiran irratti ifiti tahe” (Luq. 2:9). Innis guyyaa itti Yesus Kristos inni Waaqa barabaraa ta’e ilmaan namootaa fayyisuus akka namaa ta’ee biyya lafaa keessatti dhalate dha.

Barana yeroo dhalachuu isaa bara 2024 kabajnutti gama jireenyaa qaamaan, hafuuraan, dinagideen, hawaasummaan, siyaasaan si jalaa dukkanaa’eeru yoo jiraate ifichi ganamaa, innii maddi isaa Waaqayyoo biraa ta’e sun nuuf haa ifu.

Ayyaana gaarii!
Share godhii; hiriyootaan gahi!

Say ' ' 🙏
12/09/2024

Say ' ' 🙏

“Waaqayyoon eeggadhu, jabaadhus! Laphee jabaadhu, Waaqayyoonis eeggadhu!â€âœī¸ Far.27:14
28/06/2023

“Waaqayyoon eeggadhu, jabaadhus! Laphee jabaadhu, Waaqayyoonis eeggadhu!”
âœī¸ Far.27:14

"Yoo Waaqayyo jedhes, nuyi isa kaanitti darbuuf jirra."   âœī¸  .6:3
31/05/2023

"Yoo Waaqayyo jedhes, nuyi isa kaanitti darbuuf jirra."
âœī¸ .6:3

16/04/2023

Waaqayyo wanta hundumaa karaa isaa ofitti araarse; dhiiga Kristos isa fannoo irratti dhangala'eenis lafa irratti waaqa irrattis nagaa buuseera*.
Qol.1:20

Address

Addis Ababa
100

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Furtuu Furmaata posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Furtuu Furmaata:

Share