01/03/2026
Ameerikaan Maal Barbaaddi?
******************************
Jaarraa 20ffaa keessa addunyaan waraana gurguddaa lama keessummeessitee jirti: Woraana Addunyaa Tokkoffaa fi Woraana Addunyaa Lammaffaa.
Waraana lamaan kana dura—waggoota dhibba lamaa oliif—humni ijoon addunyaa Biriten turte. Biriten biyya isitti kalaqamuu motora hurkaa hordofee Warraaqsi Industirii jalqabuu isaatiin humna ijoo addunyaa taate. Gaafas oomishni addunyaa irratti oomishamu kan akka uffataa, dhagaa cilee (coal), sibilaa fi maashiniiwwanii dhibbentaa 60 ol kan ta’u Biriten biraa baha. Biritenoonni addunyaa harka tokko arfaffaa ta’u kolonii qajeelaatiin bulchaas turan.
Motorri hurkaa dhagaa cileen socho’a. Industiriiwwanis dhakaa cilee (coal)n socho’u. Humni elektiriikii amma ittiin warshaaleen socho’an gaafas hin turre. Argamuu boba’aatiin walqabatee indusitiriiwwanii fi motoroonni adda addaa dhakaa cilee fayyadamuu irraa gara boba’aa fayyadamuutti ce’an.
Biyyoonni akka Jarmanii—dhuma jaarraa 19 fi jalqaba jaarraa 20ffaa irratti—diinagdeen jabaataa dhufan. Industiriin isaan birattiis babaldhatuu jalqabe. Industirii babaldhataa jiruuf ammoo cilee (booda irra boba’aa) barbaadutti ka’an.
Haalli kun ammoo humna ijoo dura turte (Biritenii) fi humna jabaacha dhufte (Jarman) jiddutti walmorkii uume. Walmorkiin kun cimee fi baldhatee gara Waraana Addunyaa Tokkoffaatti ce’e. Waraanichi sababa heddu qabaatus fedhiin anniisaa (coal fi oil) isa tokko ture.
Biriten diinagdeen isii miidhamus waraanicha ni moyatte. Gareen Jarman ni moyame. Adabbiinis irra kaayame. Jarman beenyaa akka kanfaltuu fi humna waraanaa xiqqaa ta’e qofa akka qabaattu itti murteessan.
Gaafas biyyoonni kun maallaqa maxxansaa waraanicha adeemsiisaa turan. Kun ammoo humni bituu maallaqa isaanii akka dadhabu godhe. Qaalayiinsi ni hammaate. Maallaqni yeroo san addunyaa irratti jabaa ture (reserve currency’n) Pound Biriten ture. Innis woraana kanaan humni bituu isaa garmalee dadhabe. Addunyaaniis qabbanaayuu diinagdee hamaa keessa dhu