02/08/2021
Qilleensa Baramaa kan ji’ Hagayyaa 2013 /Climate out look for August 2021/
Akka Raagni moodeloota garaa garaa argisiisutti ji’a Hagayya 2013 dhufu kanattii ho’ii Garba Paasifikii kan gara giddu galeessaa fi bahaa mudhii lafaa idilee dhaan qorraa ta’ee akka turuu danda’u ni argisiisa. Taateen haala akkasii kun immoo ji’a Hagayyaa 2013 dhufu kanatti, ho’i garba Paasifikii kan naannoo indeeksi 3.4 akka idileedhaan turu nitaasisa kanumaaan walqabatee garbi paasifikii kan gara giddu galeessaa fi bahaa mudhii lafaa naannoo indeeksii 3.4 hanga 68% idileedhaan akka turuu danda’u ni’argisiisa, haalli akkasii kun immoo Indeeksiin ENSO hanga naannoo -0.30Ctiin akka turuu danda’u nitaasisa. Kun immoo giddugaleessaan dhiibbaan guddaan Maskarinaa (Mascarene high) kan gara kibba dhiha garba hindiirra jiru akka cimuuf haala nimijeessa. Yoo dhiibbaan guddaa Maskarina (Mascarene high) kan gara Kibba garba hindiirra jiru cime qilleensi jiidhinsa qabu akka gara biyya keenyaatti buubbisuuf haala nimijeessa. Kanumaan walqabatee buubbeen cimaan EALLJ kan 850hp fi TEJ kan 200hp jiru jiidhinsi naannnoo kibba fi gidduu gala garba hindiirraa akka gara biyya keenyatti buubbisuuf haala nimijeessa. Taateewwan akkasii kun immoo keessumaa naannoowwan rooba ji’a Hagayyaa fayyadamoo ta.aniif kan akka godinaalee, Kaabaa,Dhihaa, gidduu gala fi Bahaa Oroomiyaa rooba gahaa akka argataniif haala nimijeessa. Walumaa galatti ji’a Hagayyaa 2013 dhufu kanatti qilleensi jiidhinsa qabu irra caalaa naannoo Oroomiyaa Kaabaa, Lixaa, Giddu-gala fi Bahaa irratti baay’inaan akka jiraachuu danda’uuf haala nimijeessa. Akkasumas godinaaleen Oroomiyaa Kibbaa fi Kibba bahaa immoo rooba hammi isaa idileetti dhiyyaatuu fi idileen gadii akka argachuu danda’an nitaasisa.
Karaa biraatiin, ho’i Garba Hindii kan gara Bahaa, fi iddoowwan muraasa giddu galeessaa Garba Hindii irratti idileedhaan positivii fi kan gara kibbaa fi dhihaa immoo idileedhaan akka turuu danda’u ni argisiisa. Taateewwan akkasii kun immoo Ji’a Hagayyaa 2013 dhufu kanatti hami IOD naannoo -
1.00Ctiin akka turuu danda’u nitaasisa, kun immoo iddoowwan hedduu godinaalee Oroomiyaa Bahaa, Sulula qiinxamaa fi ddoowwan muraasa giddu galeessaatti hammi roobaa akka hir’achuu danda’uuf haala nimijeessa. Kanaan walqabatee ji’a Hagayyaa 2013 dhufu kanatti iddoowwan hedduu godinaalee Lixaa, Kaabaa fi Giddu galeessa Oroomiyaa irratti roobni hammi isaa idilee fi idileen olii akka jiraachuu danda’uu yoo taasisu godinaalee Oroomiyaa Bahaa fi iddoowwan muraasa Sulula qiinxamaa roobni hammi isaa idilee fi idilee gadiitti dhiyyaatu akka jiraachuu danda’u ni’eegama.
Kanumaan walqabatee ji’a Hagayyaa 2013 dhufu kanatti iddoowwan hedduun Oroomiyaa rooba gahaa argachuu akka danda’u ni eegama akkasumas iddoowwan muraasaratti guyyoonni caamaas jiraachuu akka danda’an ni’eegama. Akka raagni moodeloota garaagaraa akka argisiisanitti naannoon Oroomiyaa Kaabaa, Kibba lixaa, Lixa fi iddoowwan hedduu giddu gala Oroomiyaati rooba idilee fi idilee ol ta’e argachuu akka danda’u yoo eegamu, iddoowwan moraasa Bahaa, Kibbaa fi iddoowwan Sulula qinxamaa Oroomiyaa immo rooba idilee fi xiqqeenyaan idileen gadiitti dhiyoo ta’e argachuu akka danda’an ni’eegama. Keessumaayyuu godinaalee Qeellam, Wallagga lixaa, Wallagga
bahaa, Horroo Guduruu, Jimmaa, Bunoo Baddallee, Iluu Abbaabooraa, Shawaa kaabaa, Arsii, Arsii lixaa, Gujii lixaa Showaa lixaa, Shawaa kibba lixaa, Shawaa Bahaa, godinni addaa naannowaa Finfinnee fi Finfinnee rooba hammi isaa idilee fi idileen olii ta’e akka argachuu danada’an yoo eegamu iddoowwan muraasni godinaaleen Harargee bahaa, Baalee bahaa, Baalee lixaa, Gujii, Booranaa fi iddoowwan muraasni Shawaa Bahaa immoo rooba hammi isaa idilee fi idileen gaditti dhiyyaatu akka argachuu danda’an ni’eegam akkasumas iddoowwan muraasni isaanii immoo rooba idileen oliitti dhiyyaatu akka argachuu danda’an ni’eegama.
Walumaa galatti ji’a Hagayya 2013 dhufu kanatti naannoowwan Lixaa, Kibba lixaa,giddu gala fi Kaaba Oroomiyaa rooba hammi isaa idilee fi idile oliitti dhiyyaatuun yoo dhuunfataman naannoowwan Bahaa, sulula qiinxamaa, gartokkeen kibba bahaa fi Kibba Oroomiyaa immoo rooba hammi isaa idilee fi xiqqeenyaan idileen gadiitti dhiyoo ta’een dhuufatamuu akka danda’an ni’eegama.
Kanumaan walqabatee Ji’a Hagayyaa 2013 dhufu kanatti naannoon Kibbaa, sulula qiintamaa fi Bahaa Oroomiyaa ho’a idileen akka turuu danda’u yoo eegamu, naannoowwan Oroomiyaa Lixaa,
Kaabaa,Kibba lixaa fi giddu galeessaa immoo ho’i hammi isaa idilee fi idileen gadiitti dhiyyaatuun akka turuu danad’an ni’eegama. Haata’u malee idoowwan muraasni lafa olka’aa lixaa, bahaa,kibbaa giddu galeessaa fi Kaaba Oroomiyaa immoo ho’a hammi isaa idileen gadiin akka turuu dana’an ni’eegama.
Raagolee yeroo yeroon kenamu argachuuf dabalataan:
website:- https://www.ethiomet.gov.et/
Facebook:- https://www.facebook.com/Oromia-Weather-Forecast
Telegram:- https://t.me/EasternandCentralOromiaMeteorologicalService...
nu hordofaa.
Fast. Secure. Powerful.