Gopride

Gopride Gatestarcom.wordpress.com

13/03/2026

Celebrating my 4th year on Facebook. Thank you for your continuing support. I could never have made it without you. ๐Ÿ™๐Ÿค—๐ŸŽ‰thank you!

26/03/2022

Lakkii dhiisi jennaan
Didde wal haataanuu
Naan faallaa filatte
Akka gargar baanu
Hiree abbaan waaqa
Ati dhugaa hin seetu
Tan arganne hin gatin
Taanitti osoo ceetuu

20/03/2022

Akka garaa dhiisanii
Akka baraatti bulu
Isa jedhan dhageenye
Bara fakkaanne buluuf
Kan garaa lafa keenne
-
Nama lubbuun jirutuu
Seenaa tare dubbataa
Jirra kunoo as geennee
Rabbii guddaaf galataa
-
Sadoo irraa argannee
Jirraaf ofin faarsinu
Jiraannu malee garuu
Waan dabarsine cufaa
Seenaaf hin dabarsinu
-
Rakkoo jiruu keessatti
Baadhannee bira tarre
Dhaloonni nutti aanus
Faana sanirra deemee
Bowwaatti akkan tarre
Qabatee deemu qaba
Labanni boruu xurree
-
Eeyyeen inuma jirra
Wal qixxaa'us baannu
Kunoo har'a geennee
Ekeraa gubbaa oolla
Awwaala hin seennee
-
Namni lubbuun jiru
Nama du'erra caalaa
Lbataaf seenaa cobe
Egereef kuusa galaa
-
Eeyyeen jirra jiruun
Jechi walqixxeessaa
Inni qilleensa gubbaa
Xiyyaara koree kaatus
Kan hulaa namaa taa'e
Harka namrra nyaatus
-
Inni kophee dhabee
Miila duwwaa fiigus
Qoreen miilli iddamee
Kan gufatee dhiigus
-
Jiruu maqaa tokkicha
Wajjiin ittii waamamu
Jireenyaan adda ba'a
Jireenyi adda fagaatu
Yoo gariin sakaalamu
Kaanif aanan baatu
-
Gariin sadoo hammaara
Gamoo darbii kudhanii
Samiin qixxeessee jaara
-
Inni kuun qaroo dhabee
Haadhasaan beeku bifa
Guyyaan isaaf dukkanaa
Dharraa itti gootee ifaa
Kuunis miila naaffatee
Deemun dhibee okkolaa
Maqaan walqixxeessina
-
Hundaanuu jira jennee
Kan jireenyi adda addaa
Maqaan hundaafu qixaa
Lubbuu rabbitu kennee
-
Akka haayyama isaatin
Bakka nuun fedhe jirra
Hiyyeessaf sooressillee
Kan awwaalan gararraa
Sadoon waltarre malee
Lubbuun walqixaa jirra
-
Yoo fedha rabbii taate
Turuuf arganne carraa
Umrii qofan lakkoofnu
Rakkoo tana saaqanne
Qananillee hammaarra

20/03/2022

Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti.

15/03/2022

Oduun ijoon guyyaa har'aa waa'ee qohxii seensaa yuunivarsitii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaati. Maaltu jedhamaa jira?

12/03/2022

Hello! All around the globe how are you? I am from Oromia? Dont you know it?

The presdant of ukraine Zelensky said  the sitution now may be the end for europeans.he said this after Russia controls ...
04/03/2022

The presdant of ukraine Zelensky said the sitution now may be the end for europeans.he said this after Russia controls over the largest neuclear plant of europe.but is that the end for europeans or the visible foot step for world war lll?

03/03/2022

Yesterday cannot be said today,
The same way tommorrow will bee another day so be hopeful to see nice and bright one

03/03/2022

Foon lafa jiruuf allaattin mukarratti wal lolti

03/03/2022

Qomoo ilmaan aayyaa
Garaa deessee tiruu
Haqaa keenyatu hafee
Waaqaaf lafaa iyyaa
Dhugaan lubbuuf lafee
Haqa aduun guyyaa
Ganama yoo baatu
Kan duraan agarteef
Amma ragaa taatu
Kan addeessii halkan
Urjii faana ba'ee

Address

Asekoo
Hawassa
2092

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00

Telephone

+251921480760

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gopride posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Gopride:

Share