Abdii Asaffaa

Abdii Asaffaa Barnoonni of irraa egala

24/10/2023
22/08/2023

Magaalaa Maayaa fi Dadar (HARARGEE BAHAA)
Haagayya 19/2023 ykn 13/201

A. Galma Amantii Waaqeffannaa Irreessaa

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Giddugala Bahaa Wiirtuu Harargee Bahaa Konya Haramayaatti, Hordoftootni Galma Amantii Waaqeffannaa Irreessaa Hagayya 18/2023 hidhaman.

Hordoftootni Amantii Waaqeffannaa qabaman kunnin sagantaa Waaqeffannaa irraa Galma Waaqeffannaati qabaman. Baay'inni isaanis 19 yoo ta'an; Dhiira 17 fi Dubartoota 2

Kan qabamanis; “Nuti Amantii Waaqeffannaa waan jedhamu Agarrees, dhageenyees hin beeknu” jechuudhan Galmuma waggoota lamaa oliif amanticha gaggeessaa ture otoo beekaanu waakkachuun Waajjira Poolisii Magaalaa Maayaa kutaa Magaalaa Addeelletti hidhani jiru.

Maqaanis:-
1. Getaachoo Tafarii =Hoji Gaggeessaa Galma Waaqeffannaa Irreessaa
2. Dassaalenyi Damee=Barreessaa Galmichaa
3. Fayyisaa Dachaasaa =Itti Aanaa Barreessaa Galmaa
4. Gaaddisaa Shiffarraa =W/Qabaa Kutaa Barnoota Galmaa
5. Obsaa Salmoon =I/A/K/Barnoota/Galmaa
6. Aabbii Dheeressaa =B/K/Barnoota Galmaa
7. Fayyisee Bojaa Katamaa=I/A/B/K/Barnoota Galmaa
8. Fayyisaa Tufaa =To'ataa
9. Baay'isaa Dirribaa = G/K/Faayinaansii Qabeenya fi bitaa Galmaa
10. Gaaddisaa Raggaasaa= mallaqa qabaa Galmaa
11. Abdiisaa Baqqalaa= Bitaa meeshaalee tajaajilaa amantichaa
12. Caalaa Katamaa= Walitti Qabaa Odiiti fi To'annoo Galmaa
13. Nimoonaa Salamoon =I/A/B/K/Odiiti fi To'annoo Galmaa
14. Turaa Tolaa =Abbaa herreegaa Galmaa
15. Lammaa Rattaa =miseensa Galmaa
16. Obsaa Taaddasaa=miseensa Galmaa
17. Magarsaa=miseensa Galmaa
18. Seenaa Shawaa= miseensa Galmaa
19. Gammachuu Dheeressaa Gaarradoo =I/A/K/ Of danda'uu Konyaa Amantii Waaqeffannaa Haramayaa yoo ta'u, mieensa Galma Caffee Aannaaniti.

B. Galma Amantii Waaqeffannaa Dadar

Hidhamuu Waaqeffattoota Galma Amantii Waaqeffannaa Dadarin walqabatee:- Waaqeffattootni kun kan hidhaman gaafa guyyaa 14/08/2023 yoo ta'u; sababni Qarshii tajaajila Amantii Waaqeffannaaf idileen Waaqeffattootni guddina amantii isaanif Galmatti buufatan ykn gumaachaan beekkamtiifi heyyama keenyaan ala jechuun gaggeessitoota Faayinansii Galmichaa hidhani.
Kana malees jibbinsa Amantii Waaqeffannaaf qabaniin Tiishertii loogoo Amantii Waaqeffannaa qabu Waaqeffattoota kanarraa baasuun miidhama qorqalbii hunda irraan ga'aa jiru.

Waaqeffattootni Galma Amantii Waaqeffannaa Dadarii hidhamanis shan yoo ta'an:-
1. Abdataa Baay'isaa=Waayyuu Galma Dadar
2. Caalaa Irree = maallaqaa Qabaa Galmaa
3. Girmaa tashomaa= maallaqa Qabaa Wiirtuu Harargee Bahaa
4. Salmoon Simee=I/A/Barreessa K/Odiiti fi Too'anno Wiirtuu Harargee Bahaa fi
5. Salamoon Biranuu =G/K/Faayinaansii Galma Dadar

Walumaa galatti magaalaa Dadariifi Magaalaa Maayaatti waaqeffattootni ilaalcha Amantii Waaqeffannaa qaban qofaf qaamolee nageenyaa keessa namoota jiran tokko tokkoon kanneen amantii ofii hordofaniif looganiin dararamaa turani har’as itti jiru.

Kanaaf qaamni dhimmi ilaallatu mirga heeran lammiileef kenname akka Waaqeffattoota kannenifis kabachiisu ni gaafanna.
Gabaasni kan K/Odeeffannoo fi Qunnamtii Konyaa ameeniti.

22/08/2023


Hagayya 20/2023 ykn 14/2015

Hidhamuu Waaqeffattoota Magaalaa Maayaa kutaa magaalaa Addeellee fi magaalaa Dadar ilaalchisee oolmaa har'aatin.

Galma Amantii Waaqeffannaa Irreessaa Kutaa magaalaa Addeelletti argamuu ilaalchisee Waaqeffattoota kaan hiikanii namoota lama (2) kan hambisan yoo ta'u BAASNI YKN AJAA'IBNI ADDAA warri bahe kunniinis Galmatti akka hin deebine akeekachisudhaan gadi dhiisani.

Ammas poolisin kutaa magaalaa Addeellee Galma Amantii Waaqeffannaa Irreessaa 'Qulfi' isaaniin cufanii akkuma jiranitti jira.

Namootni lamaan hidhaatti hafan:-
1. Geetaachoo Tafarii fi
2. Fayyee Tufaa jedhamu.

●Sababni isaan hambisaniifis Geetaachoo Tafarii Hoji gaggeessaa Galmichaa waan ta'eef situ walitti qabaa jira jechuun yoo ta'u; Fayyee Tufaa ammoo Galma Galma keenyatti ni deebina jedhee waan dubbateef qofa hambisan.

Galma Amantii Waaqeffannaa Dadar ilaalchisee ammoo namoota shanan keessaa tokko qofa yoo baasan kanneen faayiinansi hojjatan 4 daraan dararaa akka jiran maatiin yaaddoo wajjiin himataa jiru.

Kanaaf qaamni dhimmi ilaallatu dhiibbaa ija baase kan Jaarraa 21ffaa keessa hin malle kana fi akka mirga heeran lammiileef kennametti amantii fedhan hordofuus akka nuuf kabajamu cimsinee gaafanna!
Safuu!

Biyyi roobaa nagaa
Gadaan quufaa gabbina nuuf haa ta'u!

22/08/2023

Harargee Baha ... Waaqeffannaa
Hagayya 22/2023 ykn 16/2015

Ba'aniru!
Waaqeffattootni Magaalaa Dadar Galma Amantii Waaqeffannaa Dadarii hidhamani turan guyyaa sagal (9) booda Hagayya21/2023 arfanuu hiikamaniru.

Waaqeffattootni 5 hidhamanii kan turan yoo ta'u; namni tokkos dheengadda ba'uu isaas maxxansuun keenya ni yaadatama.

Isaanis:-
1. Abdataa Baay'isaa=Waayyuu Galma Dadar
2. Caalaa Irree = maallaqaa Qabaa Galmaa
3. Girmaa tashomaa= maallaqa Qabaa Wiirtuu Harargee Bahaa
4. Salmoon Simee=I/A/Barreessa K/Odiiti fi Too'anno Wiirtuu Harargee Bahaa fi
5. Salamoon Biranuu =G/K/Faayinaansii Galma Dadar

Baga baatan jenna!
Biyyi roobaa nagaa
Gadaan quufaa gabbina nuuf haa ta'u!
Gabaasni kan KOQ Wiirtuu Harargee Bahaati

Address

Oromiyaa
Gebre Guracha
WAQEFFANNAA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdii Asaffaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abdii Asaffaa:

Share