25/12/2022
Haalaaf yeroo ilaaltee
Tasan kutatiin abdii
Yeroon kun of keessaa
Wanta baayyee qabdii
~
Abdii kan kee kuttee
Maaf boollarra teessaa
Murannoo qabaannaan
Eessayyuu ni geessaa
~
Nama abdatte irraa
Har'a dhabdus bu'aa
Bor si darbuuf jiraa
Maaloon hawwiin du'aa!!!