Aliyi Abdi

Aliyi Abdi All

07/12/2022

Seenaa goota jaarraa kanaa

Taayyee Danda'aa Araddoo Godina Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuutti bara 1970 dhalate. Amma nama umurii ganna 40'ti. Kana keessaa waggoota 10 mana hidhaa keessa jiraate.

Bara 1994 Yuunivarsiitii Finfinnee mummee barnoota seeraa erga seenee booda waajjiraalee poolisii, manneen murtii fi manneen hidhaatti deddeebbi'uun hiree isaa taate.

Adoolessa 29, bara 1996 barataa waggaa saddaffaa wayita ture, yakka shoroorkeessummaan shakkamee to'annoo jala oole.

Waggoota lamaa fi ji'oota torbaaf mana murtiitti ega deddeebi'ee booda, guraandhala 30 bara 1999 yakka ittiin himatame irraa bilisaan gadhiifamee barnoota isaatti deebi'e.

"Turtiin mana hidhaa kun turtii wanta baay'ee irraa baradhe dha" kan jedhu Taayyeen "kitaaba dubbisuu fi maanguddoota beekumsa aadaa fi duudhaa qaban irraa galaa guduunfadheen bahe" jedha.

Kana malees, mataduree waraqaa qo'annoo isaa digirii jalqabaa 'Beenyaa namoota dogoggoraan hidhamanii: Seera fi muxxannoo Itoophiyaa' jedhuuf bu'uura akka ta'eef Taayyeen ni hima.

Waraqaan qo'annoo kun Itoophiyaa keessatti namootni yakkaan shakkamanii qabaman hanga dhimmi isaanii qoratamuutti erga hidhamanii booda bilisaan yoo gadi lakkifaman beenyaan gonkumaa kan hin arganne ta'uusaa hima.

Kanaanis namootni kunneen rakkoollee hawaas-diinagdee fi xiin-sammuu garaa garaaf kan saaxilaman ta'uu eera.

Adoolessa 15, bara 2001 waraqaa qorannoo isaa milkiin goolabee eebbaaf guyyoonni afur yoo hafan ammas irra deebiin qabame.

Yakka shoroorkeessummaa himata gara garaa of keessaa qabun himatame.

Dhaabbilee fi aangawoota mootummaa irratti tarkaanfii fudhachuuf socho'uu, hooggantoota ABO biyya alaa jiran waliin qunnamtii uumuu, namoota Keeniyaa fi iddoowwan birootti leenji'an magaalaa Finfinnee keessatti gurmeessuu fi fincilaaf kakaasuu kan jedhan himatasaa keessatti argamu.

"Himatni narratti banamee fi ragaan narratti dhiyaate kan ifa hin taane fi adeemsi murtiis dogoggora kan qabu ture" kan jedhu Taayyeen, waggootni kudhan itti murtaa'anii waggoota torba mana hidhaatti dabarsuusaa natti hime.

"Waggaan 10 akka natti murtaa'u jalqaba osoo mana murtii hin deemiin poolisii irraan dhagahe" jedha Taayyeen.Fuula kitaaba Galaa Dhalootaa, Taayyeen wayita mana hidhaa ture barreesse

"Manni hidhaa bakka sa'aatiiwwan 24 kan namuu irratti sin gaafanne itti qabaattu dha. Kanaafis aarii fi jeeqama sammuu dhiisee turtii koo mana hidhaatti waa sadi hojjechuuf karoorfadhe" jedha.

Dubbisuu fi maanguddoota irraa barachuu, kitaaba barreessuu fi kan afaan biraan barraa'e hiikuu akkasumas hidhamtoota qubee fi afaan Ingiliizii barsiisaa turuusaa natti hime.

Kitaaba afoola Oromoo 'Galaa Dhalootaa' jedhu mana hidhaa keessa wayita ture barreesse.

"Kanaafu waggoota kudhan mana hidhaa keessatti dabarseetti hin gaabbu" jedha.gootichi oromoo Taayyee Danda'aa.
Ega hiikamee booda hamilee osoo hin dhabiin Yuunivarsiitii Finfinneetti deebi'ee barnoota seeraatiin digirii jalqabaa waggoota 16 itti fudhate xumuree eebbifameera.

Haa ta'u malee "wanti uumamuu danda'u waan hin beekamneef jecha waa'ee eebbaa harmee kootillee bilbilumaanan hime ture" naan jedhe.

Dhimma seera biyyattii fi raawwisaa irratti kan dubbatu Taayyeen "seerri biyyattii akka seeraatti rakkoo baay'ee qabaachuu baatullee akkaataan itti raawwatamu garuu rakkoo guddaa qaba" jedha

Bu'urri seeraa biyyattii "dhugaa qabdamoo hin qabduu osoo hin taanee horii qabdamoo hin qabdu" kan jedhu dha yaada jedhu qaba.

Abbootiin alangaa, abbootiin seeraa fi abukaatoowwan dhugaan hojjetan jiraatanillee dameen seeraa damee malaammaltummaan baay'inaan keessatti mul'atu fi meeshaa yakki ittiin raawwatamu ta'uusaa hima.

"Sadarkaa barataattillee abjuun barattoota seeraa baay'ee, haqa uummataaf kennuu osoo hin taanee akkaataa seera dabsuun faayidaa argachuu itti danda'an yaaduu dha' jechuun taajjabbii turtiisaa yunivarsiitii Finfinnee hima.

Taayyeen barataa cimaa qabxii olaana galmeessisaa ture dha

Wallaalummaa fi Walooma ilaalchise akkas jedhe-

"Rakkoon addunyaa keenyaa inni guddaan wallaalummaadha" jedha Taayyeen . Miidhaansaas hammaataa ta'uu hima.

Inaaffaa fi araadnis rakkoollee hawaasummaa kan maddisaanii walaallummaa ta'e, hawaasarraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraan jechuun jecha hayyuu irraa eeggamu dubbata.goota ejjannoo dhugaa irraa of duuba hin jenne hayyuu fi xiinxalaa siyaasaa kabajamoo obboo Taayyee Danda'aa Araddoo umurii dheeraan siif hawwa.
Via Tolasaan Kajeela!

16/08/2021
15/08/2021
Lumpy skin disrase Etiology neethling poxvirus
28/01/2021

Lumpy skin disrase
Etiology neethling poxvirus

Address

All
Addis Ababa
WWW.INTERNET

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aliyi Abdi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Aliyi Abdi:

Share

Category