30/09/2022
Irreen Kee Eenyu? Irreecha Moo Allah?
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin.
Qalbiidhaan Dubbisii Nama Muslimaa Hundaaf Share Godhi.
Muslima Jechuun Nama Fedhii Isaa Rabbii Tokkicha Isa Uume Qofaaf Kenne, Akkasumas Kan Fedhii Isaa Hin Hordofnedha. Nuti Muslimoonni Erga Muslima Taanee Jiruufi Jireenyi Keenna Hundinuu Qur'aanaa fi Hadiisaan Madaalamuu Qaba.
Namoota Hedduu Irraa "Irreechi Irree Keenya" Dubbiin Jettu Ni Dhagahamti. Garuu Muslimootaaf Irreen Isaanii Eenyu Laata? Maaliin Irree(Jabummaa) Arganna Laata? Qur'aanaa fi Hadiisni Kana Irratti Maal Nuun Jedhu Laata? Deebii Kanniiniif Na Hordofaa.
Irreen Keenya Kan Rakkoo Argamtes Nurraa Deebisu, Kan Wanta Faayidaa Qabu Hundumaa Nuuf Fidu, Kan Yeroo Hundumaa Isaaf Bitamnee Bullu, Rabbii Tokkicha Allah dha. Rabbiin Keenya Iddoolee Heddutti Akka Irree Keenya Ta'e, Akka Wanta Hundumaafuu Inni Nuuf Jiru Nuuf Hima.
6:17" Yoo Rabbiin miidhaan si tuqe, Isa malee deemsisaan isaaf hin jiru. Yoo toltuudhaan isin tuqes, Inni waan hunda irratti danda’aadha.
ﻭَﺇِﻥْ ﻳَﻤْﺴَﺴْﻚَ ﺍﻟﻠَّﻪُ ﺑِﻀُﺮٍّ ﻓَﻼ ﻛَﺎﺷِﻒَ ﻟَﻪُ ﺇِﻻ ﻫُﻮَ ﻭَﺇِﻥْ ﻳَﻤْﺴَﺴْﻚَ ﺑِﺨَﻴْﺮٍ ﻓَﻬُﻮَ ﻋَﻠَﻰ ﻛُﻞِّ ﺷَﻲْﺀٍ ﻗَﺪِﻳﺮٌ
10:107" Yoo Rabbiin rakkinaan si tuqes, Isa malee wanti isa fuudhu hin jiru; yoo toltuun si fedhes, tola Isaa wanti deebisu hin jiru. Isaan (tola saniin) gabroota Isaa irraa nama fedhe tuqa. Innis araaramaa, rahmata godhaadha
5:23" Yoo mu’uminoota taataniif Rabbirratti hirkadhaa."
وعلى الله فتوكلوا إن كنتم مؤمنين
3:122" Mu’uminoonnis Rabbirratti qofa haa irkatanu.
وعلى الله فليتوكل المؤمنون
Aayaa Qur'aanaa Dabran Keessatti Akka Ilaalletti Irreen Keenya, Qarqaaraan Keenya, Tokkichi Samiifi Dachii Moo'e Kan Yeroo Hundaa Nu Wajjiin Jiru Uumaa Jecha, Rabbii Keenya Allah Qofaadha.
Irree(Jabeenya) Eenyuun Arganna? Akkamiinis Arganna? Irree Kan Argannu Rabbiin Qofa Irraayi. Irree Argachuudhaaf Immoo Lagaa fi Malkatti Deemuun Furmaataa Miti. Irreen Kan Argamtu Rabbiin Dhuguumsanii Ajaja Isaa Qofa Jela Deemuudhaan. Rabbiin Kee