Yeroo spices

Yeroo spices poem and motivation speech

21/11/2025

Fiigi jennaan fiignee
Lafa teenyuu ol kaane
Galma yaadne gahuufis
Odo deemnu koomeen nu qunca'uus
Hin dhiibna gaara ammayyuu
Jireenyi qabsoo guyyuu guyyuu
Ilaalcha nu jaldhistee
Jilba gandaa nu dhungachiifte
Hanga duunee hobbaanu
Nus tole jeennu of hin laannu
Coqorsa haamnee sangaa furdisna
Abdiin bullee boruu argina
Hunduu dhibee sokkus toorarraa
Dhugaan badee dhokatus har'arraa
Ibbidduu dibamee bubbulaa
Guyyaan gaf gahu ofii sokka nu jalaa
Baraafuu gadi jedhu garbaa
Rakkinaafuu dhugu bishaan hadhaa
Kaayyoo qabatanii deemu duula
Kamittuu himaturee hunduu ni gajuulaa........................YBJM........................

Nov 21, 2025

14/08/2025

Celebrating my 3rd year on Facebook. Thank you LORD for your continuing support. I could never have made it without you. all of viewers of this page God bless you, we will blessings more over than previously 🙏🤗🎉

19/01/2024

GoD Bless You Werkiye

ወዉ ድንቅ ነዉ...!
05/11/2023

ወዉ ድንቅ ነዉ...!

Gara boodde yesuus wajjin taa'a mirga abbaa !!!--------''''''''''''---------'''''''''''''------------''''''''''''''''''-...
05/11/2023

Gara boodde yesuus wajjin taa'a mirga abbaa !!!
--------''''''''''''---------'''''''''''''------------''''''''''''''''''---------''''''''''''''''
Na jirachiseera
Haalota gararraa
Hunduu ta'ee nas guutera
Ilaalee kanin dhabe namarraa
Gargaaran koo yoom na dagate
Bara hunduu laalee na baqate
Namni akka malee na waakkate
Yesuus yon jedhu dafee na dirmate
Dhala koo jedhee na simate
Diinota koo narraa ifatee
Immimmaan na qorsee
Madaa koo na fayyisee
Faarsaan na guute
Gulantaa koo ol bute
Waadaa naa galee
Jireenya bara baratti na dabale
Anaafoo gamachuutu ta'e
Madaa koo laalee hin gaddu taa'ee
Nama abdiin cite abdiin na late
Duuti nan argu jireenyi na argatee
Ani qabu seechi sidaa du'a
Yesuus tasiseera boolla duwwaa
Jiraadhes natti hin badu
Du'us nan argu kan lubbuu koo gaadu
Anoo ta'eera isa carroome
Yesuus wajjinin fixe dorgomee
Maafaan badha gadoo
Maafin hima gadadoo
Yesuus anaaf qabeenya
Na hin argu kiyyoon hammeenyaa
Nagaan koo eegamaadha
Biyyi lafaa kunis mo'amaadha
Darbuun jira jiruun darabaa
Yesuun kan qabu maal gabbaa
Innoo abdii baraa baraa qaba
Gara boodde yesuus wajjin taa'a mirga abbaa !!!
YBJM. November 4 2023 @11:00 pm

05/09/2023

Check out Haaga's video.

23/07/2023
22/07/2023

የተመራቂዎች መልዕክት 4
ታሪኬ ኢየሱስ ነው

11/05/2023

(1 Pheexros 1 )
------------
3 Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta'u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra du'an keessaa ka'uu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera.
4 Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi'aa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera.
5 Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a.
6 Amma yeroo gabaabduudhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo ta'e iyyuu, isa sanatti immoo baay'iftanii in gammaddu.
7 Warqeen inni baduuf jiru iyyuu ibiddaan in qorama; amantiin keessan inni warqee caalaa gati-jabeessi immoo, guyyaa Yesus Kristos itti mul'achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina akka argatutti qoramee in ilaalama.
8 Isin isa mul'achuuf jiru sana hin argine yoo ta'e iyyuu, isa in jaallattu; amma yoo isa arguu dhaabaattan iyyuu, isatti in amantu akkasumas gammachuu akkas jedhamee hin dubbatamnee fi gammachuu ulfina guddaa qabuun in gammaddu.
9 Fayyina lubbuu keessanii, isa amantiin keessan bira ga'uudhaaf akeekkachaa jiru argachuuttis in gammaddu.
10 Raajonni warri waa'ee ayyaana isiniif kennamuuf ture sanaa raajii dubbatan, fayyina kana barbaadanii waa'ee isaa qoratan.
11 Isaan waa'ee dhiphina Kristosin argatuu, waa'ee ulfina booddeedhaan isaaf dhufuuf jiruu, duraan dursanii yeroo dubbatan, hafuurri Kristos inni isaan keessa ture, gara nama attamii yookiis yeroo attamii akka inni argisiisaa ture in qoratan.
12 Wanti isaan hojjechaa turanis mataa isaaniif utuu hin ta'in, isiniif akka ture mul'ifameera. Kunis hafuura qulqulluu isa waaqa irraa ergameen, amma karaa warra wangeela lallabanii isinitti himame; kana immoo ergamoonni Waaqayyoo iyyuu keessa lixanii ilaaluu in hawwu turan.

15/04/2023

Amantoonnii Amantii kiristaanaa hundinuu baga ayyaana du'aa ka'uu GOOFTAA Keenya IYYESUUS KIRISTOOSII'n isin gahe!

"."
.
". . . . ."
" . "
.
.
" "
Gooftichi du'aa ka'eera
-----------------------------------
" Warri walitti qabaman sun, "Gooftichi dhuguma du'aa ka'eera, Simoonittis mul'ateera" in jedhu turan. "
(Luqaas 24: 34) ጌታችን ኢየሱስ ክርስቶስ ሞትን ድል አድርጎ ተነስቶልናል እንኳን አደረሰን አደረሳቹ ከነ በተሰቦቻችው ሁሉ ጋር መልካም ትንሳኤ በዓል ይሁኒላችው

11/02/2023

Inni nu wajjin jiru isa hundarra caalu...!

Address

Addis Ababa
YERO2022@FINFINE

Opening Hours

Monday 00:00 - 12:00
Tuesday 00:00 - 12:00
Wednesday 00:00 - 12:00
Thursday 00:00 - 12:00
Friday 00:00 - 12:00
Saturday 00:00 - 12:00
Sunday 00:00 - 12:00

Telephone

+251915936288

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yeroo spices posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Yeroo spices:

Share