06/11/2021
Afaanfajjii Keessaa Bahuun Qabsoo Ofii Finiinsuun Yeroon Isaa Amma!
(Ibsa Ajajaa Olโaanaa ABO-WBO)
ABO-WBOn Kora Guddaa ABO magaalaa Gimbii jalatti Adoolessa, 2021 gaggeesse ilaalchisee ibsa Adoolessa 25, 2021 baaseen ABO jaarmayaa kaayyoo fi akeeka ifaa qabu akka taโee fi warri kaayyoo ABO lagatanii maqaa ABOn daldalan akka gochaa isaanii irraa of qusatan dhaamsa dabarsee ture. Maqaan ABOs namootii dhuunfaa fi murnooti kaayyoo ABO lagatanii diina jala fiigaa, nutu ABO dha, jedhanii maqaa ABO akka itti dhimma hin baane daangaa itti tolchuu uummata Oromoo hubachiisee ture. ABOn dhaaba tokkicha kan waraana bilisummaa Oromoo of jalatti goblaa godhatee fi jaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa, walabummaa fi birmadummaa Oromiyaa afaan qawween kabachiisuuf falmaa hadhooftuu gochaa jiru qofaa tahuus uummanni Oromoo akka hubatu korri ABO-WBOn gaggeeffame waamicha dabarsee ture.
Haa taโuutii, diinnii fi farreen qabsoo bilisummaa Oromoo faallaa ibsa ABO-WBO dhaabbachuun miidiyaalee diinaa kanneen akka โprime mediaโ, โfaanaaโ fi โOBNโ jedhaman irratti bahanii ABO irratti olola gaggeessaa turan. Qajeelaa Mardaasaa, Ibsaa Nagawo, Toleeraa Adabaa, Atomsaa Kumsaa fi fakkaattooti warraa ABO-WBO mormuun summii facaasaa turuun ni yaadatama. Ammas tumsa ABO-WBOn humnoota cunqurfamoo waliin tolfatee Abiy Ahimed bakkaa kaasuuf hojjechaa jiran mormuun ajandaa olola isaanii tolfachuun afaanfajjii uumuuf tattaafachaa jiru. Olola kijibaa Oromoon Walloo fi TPLF wal rukutaa jiru jedhanii akka loltuun PP haamlee argatuuf hololaa jiraniis, kijibaa buโuura hin qabne akka taโe hubachiisna. Lola Oromoon fi humnooti cunqurfamoo mirga abbaa biyyummaa isaanii tikfachuuf gaggeessaa jiran lola gatii hin qabne โsenseless warโ jechuun ibsa baasuun wareegama jaallan baasaa jiranitti qoosuu irra darbee akka uummati Oromoo jilbeeffatu shira dalaguu irra adda baasnee hin ilaallu.
Waan taโeef, qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf yeroo qabsoon hidhannoo murteessaa taโe keessatti, qaamni murtii kennuu dandahu, qaamuma qabsoo hidhannoo keessa qaamaan jiruudha malee kan qabsoo hidhannoo balaaleffataa jiru akka hin taane ifaa galaa dha. Qabsoo hidhannoo lagannee jirra jechaa, qabsoo hidhannoo balaaleffataa fi ibsa itti baasaa, injifannoo wareegama qabsoo hidhannootiin argamaa jiru saamuuf nutu biyya tasgabbeessa, WBOn nu jala jira, yoo nuti aangoo arganne WBO Humna Addaa Oromiyaatti daballa jedhanii Faranjiitti kijibaa jiraachuun mataa tokko keessaa arraaba lama baasuu akka taโees uummati keenyi akka hubatu barbaadna. Oromoon kan qabsoo hidhannootti seene, mirga of ittisuu qabu itti dhimma bahee mirga isaa kabachiisuuf akka taโe uummati keenyii fi hawaasni idil-addunyaa akka nuuf hubatu barbaadna.
Warri kaleessa karaa nagaa qabsoofna jedhanii Oromoo Qawwee hikachiisaa turan, haga ammaattis qawwee Oromoo irraa hiiksisuuf harka lafa jalaan dhamaโaa jiran, ilmaan Oromoo dirree jiran akka wal dura dhaabbatan shira gaggeessaa jiran marti akka PP waliin hojjechaa jiran shakkiin hin jiru.
Haala siyaasaa amma deemaa jiru, dhimma tumsa humnoota Federaalaa fi Konfederaalaa jedhamus ilaalchisee kan ibsaa fi odeeffannoo kennuu dandahu abbaa dhimmichaa ABO-WBO dha malee qaama activist ykn qaama maqaa ABOdhaan daldalu akka hin taane uummati keenyi akka hubatu barbaadna. Jaarmiyaaleen siyaasaas tahee uummanni Oromoo bal'aan haga diinni Oromoo bakkaa kaโuutti diina bakkaa kaasuu irratti akka fuulleffannu wal gorsuu qabna. ABO-WBOn dhimma Oromoo, Oromiyaaf mirga Abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabachiisuu irraatti eenyuniyyuu Kan mariitti hin seenne tahuus hubaachiisa hololoonni tumsa saboota cunqurfamoo waliin ABO-WBOn taasise busheessuuf oofamaa jiruu shira bilxiginnaaf umurii Boruuf godhamuuf murnoota dantaan jalaa uggurameen oofamaa jiruu tahuu hubaachisna!
ABOn dhaaba of danda'ee murtee siyaasaa fi waraanaa kennuu danda'uu, dhaaba sirna, heera fi seera of dandahe qabu, kan kora sirnaawaa gaggeessuun hoggaana isaa of keessaa filatee waan taโeef, olola fi afaanfajjii ergamtooti diinaa uumuuf tattaafatan kanaaf uummati keenyi osoo gurra hin kenniin, sirna nama nyaataa PP bakkaa kaasuuf falmaa isaa itti fufuun, โduula imala gara Finfinnee' labsame milkeessuuf WBO waliin hiriiruun falmaa eegalame jabeessee akka finiinsu ajajaan olโaanaa ABO-WBO qajeelcha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka jaarmiyaa sochii dargaggootaa Oromootti ibsa fulbaana 29, 2021 baaseen akka qajeelfama Ajaja Olโaanaa ABO-WBO irraa fudhatee murannoon sossoโuf murteen ibsa isaaniin eeramee kan deeggaramu taโuu ajajaan olโaanaa ABO-WBO mirkaneessa. Qeerroon Bilisummaa Oromoos qaama jaarmiyaa ABO-WBO tahuun fi dirqama seenaa qabsoon irra kaahe akka jabinaa fi siโaaninaan bahatu dhaamaa, Qeerroon Bilisummaa Oromoo qajeelfama Ajaja olโaanaa ABO-WBO irraa bahuu irratti hundaa'uun Koree Bulchiinsaaf Bilisummaa jalatti ijaaramee, maadhee diinaa diigaa, hoggaanoota WBO Zooniilee irraa qajeelfama fudhachaa gahee haqaa fi nagaa uummata kabachiisuu keessatti qooda olโaanaa fudhatu waamicha dhiheessina.
Yeroo diinni ilmaan Oromoo Walloo xiyyaaraan fixaa jiru keessatti, loltuu konkoolaataa dhibbootaan lakkaahamu itti guuree lola sanyii duguuggaa irratti gaggeessaa jiru keessatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa mara keessa jiru, Warraaqsi uummataa kaasuun saffisaan hojii isaa warraaqsaa jabeessee itti fufus ajajaan olโaanaa ABO-WBO dhaama. Hawaasni idil addunyaas haleellaa Xiyyaaraa ilmaan Oromoo Walloo, Caffaa Roobiitti gaggeeffame akka balaaleffatu, namootaa fi qaama sanyii dugguggaa ajajaanii fi raawwatan hundas mana murtii idil addunyaatti akka dhiheessan gaafanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Olโaanaa ABO-WBO
Sadaasa 6, 2021