07/06/2023
Seenaa isaani Mee dubbisaa sheer laink godhaa
Oromoo Afaan Arabaa barte warra jedhaniif
Hojiin ilmaan Oromoo Ajaa'ibaam,yoom kana qofaa, keessattuu Oromoon muslimaa Addunyaa ajab jechisiiftee,
Nama jabaa urjii Islaamaa kana beektuu?
Abbaa beekkumsa guddaa nama ulfaataadhaam,Akka islaamaatti namni Akka isaa kitaabban waan hundaa of keessaa qaban,kitaaba garaa nama gahu kan akka isaatti walitti qabe hin jiruu,Hayyuu guddaa Abbaa Tafsiiraa, Abbaa Hadiisaa,Fiqhii, Nahwii,Sarfii,Usuulaa,musxalahaa,Balaagaa, manxiqaafi Aruudaa jedhamuun kan beekkamu,Bahra Beekumsaati,Kitaabban Addunyaa kana irratti gatiin isaanii qaalii ta'aniifi Kitaabban garba beekkumsaa kan wanni tokkollee isa keessaa hin hafne kitaabban Kitaaba biroo bituu irraa nama duroomsuu danda'an Kitaaban barbaadamoo gatiin isaanii qaalii ta'an nama maxxansee, Addunyaa islaamaa beekumsa obaase,Namni kuni Araba yookaan Faranjii miti,Badhaasa Rabbiin Oromoofi Addunyaaf kenne, Ilma Oromoo Ilma Harargee Sheek Mahammad Amiin Karroo Jedhamuun kan beekkaman,yoo tahu, maqaan isaa guutuun (Sheek Mohammed Amiin Abdallah Yuusuf Hasan Al Oromiyyi Al Harariiyyi Al Alawiyyii,) jechuun ilma Oromoo Harargee ilmaan Afran Qalloo keessaa warra Alaati,jechuudhaam, Akka lakkoofsa Awroophaanotaatti Bara 1928 kan dhalatan yoo tahu, Barsiisaafii barreessaa beekkamaadhaam,Hayyuu Amantaa Kitaabota Islaamaafi Afaan Arabaa,irratti hedduu barreessedham,
Kitaabban isaa keessaa inni sukkaara jera keenyaa dabalu kitaabban Barnoota Afaan Arabaa tolchanii Arraba namaaf diriirsanii dogoggora irraa eeguu danda'an qofaa hedduu maxxansanii,fanniiwwan Arabaa Dameelee garaa garaa Nahwii,Sarfii,Balaagaa,Manxiqaafi,Aruuda,jedhamuun beekkamanirratti Beekumsa gadi fagoo horataniin akka namni biraa hubachuu danda'uuf Kitaabota Afaan Arabaa qofaa irratti ballinaan Kan nama barsiisuu danda'an qofa kitaabban, 31 maxxansee jira,