Jiireenyaa YEMEN Rada,aa

Jiireenyaa YEMEN Rada,aa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jiireenyaa YEMEN Rada,aa, Radaa Hospital, Rada`.

20/11/2020

Dhibee Kintaarotii/baasur maaltu namatti fida? Yaallisaa maali?
Kintaarotii ykn baasuur sababa dhiita'uu hidda dhiigaa naannoo buubbuu fi munneettii argaman irraan kan ka'e kan dhufudha.
Mallattoon dhibee kintaarotii maalidha?
👉Miira dhukkubbii/hoosisuu ykn gubaatii naannoo munnee
👉Dhiita naannoo munnee fi buubbuu
👉Yeroo sagaraa taahan dhiiti xiqqooo gadi bahuu ykn dhiiguu
Wantooti kintaarotiif namatti fida baayyeeen sababa dhiibbaaan dhiigaa naannoo hudduu fi munnee jiranii dabaluurraa kan ka'e kan dhufan yoo ta'u wantootni kanaaf nu saaxilanis
👉Yeroo mana fincaanii ykn boolii dhaqan baayyee hittanuu
👉Yeroo dheeraaf mana fincaaniirra taa’aa turuu
👉Ulfaatina qaamaa garmalee
👉Yeroo ulfaa
👉Nyaatawwan faayiberii xiqqaa qaban kan googinnsa garaa fidan soorachuu
👉Meeshaawwann ulfaatoo tahan yeroo baayyee baachuu
👉Garaa kaasaa fi googinsa garaa yeroo dheeraa
👉Yeroo dheeraaf taa’aa turuu

Kintaarotii ykn baasuur akkamitti ofirraa dhorkuu dandeenya?
👉Nyaatawwan faayibarii olkahaa qaba kanneen akka nyaata fuduraaf muduraa akkasumas nyaata calla ta'an baay'inaan fayyadamuu
👉Bishaan baayinaan dhuguu. Namni tokko guyyaatti bishaan burcuqqoo 6-8 dhuguu qaba. Kunis sagaraa bahu laaffateef baay'inaan akka ba'u gochuun hittanuu garmalee fi gogiinsa garaagaraa nurraa dhorkuu danda’a
👉Yeroo mana fincaanii teessan hafuura keessan addaan kutuun baayyee hittanuun dhiibbaa ujummoo dhiigaa naannoo munneerra jiranii waan ol kaasuuf gocha akkasiirraa of qusachuu
👉Akkuma miirri sagaraa taa’uu isinitti dhufetti mana fincaanii deemuu. Sababni isaas sagaraan mar’ummaan keessa yoo ture gogaa waan adeemuuf gogiinsa garaaf kintaarotiif nama saaxila
👉Yeroo dheeraaf taa’aa turuu dhiisuu
👉Sochii qaamaa gochuu . sochii qaamaa gochuun fayyaa qaama keeyaaf baayyee baraachisaadha. Aakksumas gogiinsa garaa nurraa ittisuu keessatti gahee guddaa qaba.
Odeeffannoo bal'aa waa'ee kanaarratti karaa YouTube argachuuf 👇👇

https://youtu.be/yXBf-6qFWh4

Fayyaa hin dhabinaa

Address

Radaa Hospital
Rada`

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jiireenyaa YEMEN Rada,aa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share